Colossians 3:18-25
Qajeelfama Maatii Kiristaanaatiif Kenname
3:18–4:1 kwf – Efe 5:22–6:9
18Yaa niitota, akka Gooftaaf taʼutti dhirsoota keessaniif ajajamaa. 19Yaa dhirsoota, isinis niitota keessan jaalladhaa; isaanittis hin hammaatinaa. 20Yaa ijoolle, waan hundumaan abbootii fi haadhota keessaniif ajajamaa; kun Gooftaa gammachiisaatii. 21Yaa abbootii, isinis akka ijoolleen keessan abdii hin kutanneef tuttuqxanii isaan hin aarsinaa. 22Yaa garboota, isinis warra fooniin gooftota keessan taʼaniif waan hundaan ajajamaa; kanas yeroo isaan isin ilaalan qofa isaan gammachiisuuf utuu hin taʼin garaa qulqulluu fi Gooftaa sodaachuudhaan godhaa. 23Waan hojjettan hunda akka waan namaaf hojjettaniitti utuu hin taʼin akka waan Gooftaaf hojjettaniitti garaa guutuudhaan hojjedhaa; 24kunis sababii isin akka Gooftaa biraa badhaasa dhaalaa argattan beektaniif. Kan isin tajaajilaa jirtan Kiristoos Goofticha. 25Namni balleessaa hojjetu kam iyyuu gatii balleessaa isaa ni argataatii; nama wal caalchisuunis hin jiru. Colossians 4:1
1Yaa gooftota, isinis akka samii irraa Gooftaa qabdan waan beektaniif, garboota keessan qajeelummaa fi wal qixxummaadhaan bulchaa.
Copyright information for
GazHAHl