‏ Deuteronomy 14:3-20

3Ati waan jibbisiisaa tokko illee hin nyaatin. 4Horiin isin nyaachuu dandeessan kanneenii dha; sangaa, hoolaa, reʼee, 5gadamsa, kuruphee, borofa, reʼee diidaa, waaliyaa, saalaa fi hoolaa tulluu. 6Horii kotteen isaa baqaqee iddoo lamatti gargar qoodame kan halala guuru nyaachuu ni dandeessu. 7Garuu warra halala guuran yookaan warra kottee baqaqaa qaban keessaa gaala, illeettii, yookaan osolee hin nyaatinaa; isaan kunneen halala guuran iyyuu waan kotteen isaanii duudaa taʼeef isaan akka seeraatti isiniif qulqulluu miti. 8Booyyeenis qulqulluu miti; kotteen isaa baqaqaa taʼus booyyeen halala hin guuru. Isin foon isaanii hin nyaatinaa yookaan raqa isaanii hin tuqinaa.

9Uumamawwan bishaan keessa jiraatan hunda keessaa warra qoochoo fi qola qaban kam iyyuu nyaachuu dandeessu. 10Garuu warra qoochoo fi qola hin qabne kam iyyuu hin nyaatinaa; isaan isiniif qulqulluu miti.

11Isin simbira qulqulluu kam iyyuu nyaachuu dandeessu. 12Isaan kanneen garuu hin nyaatinaa; isaanis risaa, rumicha, rumicha gurraacha, 13culullee, culullee gurraacha, culullee gosa garaa garaa, 14arraagessa gosa garaa garaa, 15guchii, urunguu, allaattii bishaanii, coroffee gosa garaa garaa, 16urunguu xinnaa, urunguu guddaa, urunguu adii, 17urunguu gammoojjii, abbaa koddaa, urunguu guddaa, 18huummoo, allaattii gosa kamii iyyuu, haadha gaayyeetii fi simbira halkanii ti.

19Ilbiisonni barrisan hundinuu isiniif qulqulluu miti; isaan hin nyaatinaa. 20Uumamawwan qoochoo qaban kanneen qulqulluu taʼan kam iyyuu garuu nyaachuu dandeessu.
Copyright information for GazHAHl