Deuteronomy 15:1-11
Waggaa Itti Gatiin Namaaf Dhiifamu
15:1‑11 kwi – Lew 25:8‑38
1Ati yeroo hunda dhuma waggaa torbaffaatti gatii namaaf dhiisuu qabda. 2Kunis akkanatti taʼa: namni liqii kennu hundii liqii ollaa isaa nama Israaʼeliif liqeesse dhiisuufii qaba. Sababii yeroon Waaqayyoo kan itti gatiin namaaf dhiifamu labsameef inni ollaa isaa yookaan obboleessa isaa Israaʼelicha irraa waan isaaf liqeesse hin gaafatin. 3Ati waan alagaaf liqeessite gaafachuu ni dandeessa; garuu waan obboleessi kee sirraa liqeeffate dhiisuufii qabda. 4Taʼus waan Waaqayyo Waaqni kee biyya akka ati dhaaltuuf siif kennu irratti akka malee si eebbisuuf hiyyeessi gidduu keetti hin argamu; 5kunis yoo ati guutumaan guutuutti Waaqayyo Waaqa keetiif ajajamtee fi yoo ati ajajawwan ani harʼa siif kennu kanneen hunda eegde qofa taʼa. 6Waan Waaqayyo Waaqni kee akkuma si abdachiisetti si eebbisuuf ati saboota baayʼeedhaaf liqeessita malee tokko irraa iyyuu hin liqeeffattu. Ati saboota baayʼee bulchita malee isaan si hin bulchan. 7Magaalaawwan Waaqayyo Waaqni kee siif kennu keessatti yoo obboloota kee gidduu hiyyeessi jiraate obboleessa kee sana irratti garaan kee hin jabaatin yookaan isa gargaaruu irraa harka kee hin deebifatin. 8Qooda kanaa harka kee isaaf diriirsiitii waan isa gaʼu liqeessiif. 9Akka yaadni hamaan, “Waggaan torbaffaan, waggaan itti gatiin namaaf dhiifamu sun dhiʼaateera” jedhu si keessatti kuufamee ati akkasiin obboleessa kee rakkataa ija hamaadhaan ilaaltee gargaaruu hin dhiifne of eeggadhu. Inni Waaqayyotti ol iyyata; kunis cubbuu sitti taʼa. 10Ati arjummaadhaan isaaf kenni; yommuu kennituufis garaan kee hin gaabbin; sababii kanaaf Waaqayyo Waaqni kee hojii kee hundaa fi waan harki kee qabate hundaan si eebbisa. 11Yoom iyyuu taanaan hiyyeeyyiin lafa irra ni jiraatu. Kanaafuu ani akka ati harka kee obboloota keetiif, hiyyeeyyii fi rakkattoota biyya keetiitiif diriirfattu sin ajaja.
Copyright information for
GazHAHl