Deuteronomy 15:12-18
Garboota Bilisoomsuu
15:12‑18 kwf – Bau 21:2‑6
15:12‑18 kwi – Lew 25:38‑55
12Yoo namni gosa Ibrootaa, dhiirri yookaan dubartiin sitti gurguramtee waggaa jaʼa siif hojjette, waggaa torbafaatti bilisa baasii gad dhiisi. 13Yommuu gad dhiiftuttis harka duwwaa hin geggeessin. 14Bushaayee kee keessaa, oobdii fi iddoo cuunfaa wayinii keetii irraa arjummaadhaan kenniif. Akkuma Waaqayyo Waaqni kee si eebbisetti isaaf kenni. 15Akka atis biyya Gibxitti garba turtee fi akka Waaqayyo Waaqni kee si fure yaadadhu. Wanni ani harʼa ajaja kana siif kennuufis kanuma. 16Garuu yoo garbichi kee sun sababii siʼii fi maatii kee jaallatuuf si wajjin jiraachuun itti tolee, “Ani si dhiisee hin deemu” siin jedhe, 17mutaa fuudhii balbala irratti gurra isaa uri; innis bara baraan garbicha kee taʼa. Garbittii kees akkasuma godhi. 18Garbicha kee bilisoomsuun waan ulfaataa sitti hin fakkaatin; tajaajilli isaa kan waggaa jaʼaa sun gatii nama qaxaramee hojjetu tokkootti harka lama tureetii. Waaqayyo Waaqni kee waan ati hojjetu hundaan si eebbisa.
Copyright information for
GazHAHl