‏ Deuteronomy 16:1-8

Faasiikaa

16:1‑8 kwf – Bau 12:14‑20; Lew 23:4‑8; Lak 28:16‑25

1Sababii Waaqayyo Waaqni kee jiʼa Abiibii keessa halkaniin Gibxii si baaseef jiʼa Abiibii kabaji; Faasiikaa Waaqayyo Waaqa keetiis ayyaaneffadhu. 2Iddoo Waaqayyo Waaqni kee akka Maqaan isaa achi jiraatuuf filatutti bushaayee kee yookaan loon kee keessaa Faasiikaa godhii Waaqayyo Waaqa keetiif qali. 3Ati akka bara jireenya keetii guutuu guyyaa itti Gibxii baate sana yaadattuuf Faasiikaa sana buddeena raacitii qabu wajjin hin nyaatin; garuu ati sababii ariitiidhaan biyya Gibxiitii baateef bultii torba maxinoo jechuunis buddeena rakkinaa nyaadhu. 4Guutummaa biyya keetii keessatti bultii torbaaf raacitiin hin argamin. Foon ati galgala guyyaa jalqabaatti aarsaa gootu hamma bariitti hin turin.

5Ati magaalaa Waaqayyo Waaqni kee siif kennu kamitti iyyuu Faasiikaa hin dhiʼeessin; 6garuu lafa inni iddoo jireenya Maqaa isaatiif filatutti galgala yeroo biiftuun gad buututti yaadannoo guyyaa itti biyya Gibxiitii baateetiif aarsaa Faasiikaa dhiʼeessi. 7Aarsaa Faasiikaa sana waadiitii iddoo Waaqayyo Waaqni kee filatutti nyaadhu. Ergasiis ganama gara dunkaana keetiitti deebiʼi. 8Bultii jaʼa maxinoo nyaadhu; bultii torbaffaatti immoo Waaqayyo Waaqa keetiif wal gaʼii qulqulluu godhi; hojii illee hin hojjetin.
Copyright information for GazHAHl