‏ Deuteronomy 16:9-12

Ayyaana Torbanootaa

16:9‑12 kwf – Lew 23:15‑22; Lak 28:26‑31

9Gaafa midhaan kee haamuu jalqabdee kaasii torbanoota torba lakkaaʼi. 10Ergasiis akkuma baayʼina eebba Waaqayyo Waaqni kee siif kenneetti kennaa fedhiidhaan kennitu dhiʼeessuudhaan Ayyaana Torbanootaa Waaqayyo Waaqa keetiif ayyaaneffadhu. 11Ati, ilmaanii fi intallan kee, hojjettoonni kee dhiironnii fi dubartiin, Lewwonni magaalaawwan kee keessa jiraatan, alagoonni, ijoolleen abbaa hin qabnee fi niitonni dhirsoonni isaanii irraa duʼan kanneen isin gidduu jiraatan achitti, iddoo Waaqayyo Waaqni kee iddoo jireenya Maqaa isaatiif filatutti fuula isaa duratti ni gammaddu. 12Ati akka Gibxitti garba turte yaadadhu; seera kanas akka gaariitti eegi.
Copyright information for GazHAHl