‏ Deuteronomy 19:1-14

Magaalaawwan Itti Baqatan

19:1‑14 kwi – Lak 35:6‑34; KeD 4:41‑43; Iya 20:1‑9

1Yommuu Waaqayyo Waaqni kee saboota biyya isaanii siif kennu balleessutti, yommuu ati ariitee isaan baaftee magaalaawwanii fi manneen isaanii keessa qubattutti, 2walakkaa biyya Waaqayyo Waaqni kee akka ati dhaaltuuf siif kennutti ofii keetiif magaalaawwan sadii addaan baafadhu. 3Akka namni nama ajjeese kam iyyuu itti baqatuuf daandiiwwan hojjedhuutii biyya Waaqayyo Waaqni kee akka dhaalaatti siif kennu iddoo sadiitti qoodi.

4Seerri waaʼee nama nama ajjeesee lubbuu isaa baafachuuf achitti baqatuu jechuunis kan utuu hammina itti hin yaadin akka tasaa nama ollaa isaa ajjeesuu tokko ilaalu kanaa dha. 5Namni tokko yoo muka murachuuf namicha ollaa isaa wajjin bosona seenee utuu muka muruuf qottoo isaa ol fudhatuu akkuma tasaa sibiilli irraa buqqaʼee namicha ollaa isaa sana dhaʼee ajjeese, namni sun magaalaawwan kanneen keessaa isa tokkotti baqatee lubbuu ofii isaa oolfachuu dandaʼa. 6Yoo kanaa achii namni haaloo dhiigaa baasu tokko waan namichi nama ajjeese sun utuu duraan dursee hammina itti hin yaadin ollaa isaa ajjeeseef yoo ajjeefamuu hin qabaatin illee fagoo taʼu iyyuu inni aariidhaan duukaa buʼee qaqqabee isa ajjeesuu dandaʼa. 7Sababiin ani akka ati magaalaa sadii ofii keetiif addaan baafattu si ajajeefis kanuma.

8Yoo Waaqayyo Waaqni kee akkuma abbootii keetiif kakuudhaan waadaa gale sanatti biyya kee siif balʼisee biyya waadaa isaaniif gale sana guutummaatti siif kenne, 9ati Waaqayyoon Waaqa kee akka jaallachuu fi yeroo hunda karaa isaa irra akka deemtuuf ajajawwan ani harʼa siif kennu hunda akka gaariitti yoo eegde, magaalaawwan kanneen irratti magaalaawwan sadii ni dabalatta. 10Akka lafa kee kan Waaqayyo Waaqni kee dhaala godhee siif kennu keessatti dhiigni nama qulqulluu hin dhangalaanee fi atis yakka dhiiga dhangalaasuutti akka hin gaafatamneef waan kana godhi.

11Garuu yoo namni tokko nama ollaa isaa jibbee riphee eeggachuudhaan miidhaa irraan gaʼee isa ajjeesee ergasii immoo magaalaawwan kanneen keessaa tokkotti baqate, 12maanguddoonni magaalaa inni keessa jiraachaa turee nama itti erganii magaalaa inni itti baqate sanaa isa haa fichisiisan; akka inni ajjeesuufis nama haaloo dhiigaa baʼutti dabarsanii isa haa kennan. 13Garaa hin laafiniif; akka siif toluuf yakka dhangalaafama dhiiga nama qulqulluu Israaʼel keessaa balleessi.

14Biyya Waaqayyo Waaqni kee akka dhaaltuuf siif kennu keessatti dhaala dabarfamee siif kennamu irratti dhagaa mallattoo daangaa ollaa keetii kan namoonni durii dhaaban hin hiiqsin.
Copyright information for GazHAHl