Deuteronomy 4:41-43
Magaalaawwan Itti Kooluu Galan
4:41‑43 kwi – Lak 35:6‑34; KeD 19:1‑14; Iya 20:1‑9
41Yeroo sanatti Museen magaalaawwan baʼa Yordaanos sadii addaan baafate; 42kunis lafa namni nama ajjeese yoo utuu itti hin yaadin nama ajjeese itti baqatuu dha. Innis magaalaawwan kanneen keessaa tokkotti baqatee lubbuu isaa oolfachuu dandaʼa. 43Magaalaawwan sunis kanneen turan: Bezer kan gammoojjii keessa tabba irra jirtu gosa Ruubeeniif, Raamooti kan Giliʼaaditti argamtu gosa Gaadiif, Goolaan kan Baashaanitti argamtu immoo gosa Minaaseef.
Copyright information for
GazHAHl