‏ Deuteronomy 5:6-21

6“Ani Waaqayyo Waaqa kee kan Gibxii, biyya garbummaatii si baasee dha.

7“Ati ana malee waaqota biraa tokko illee hin qabaatin.
8Ati bifa waan ol samii gubbaa yookaan gad lafa irra yookaan bishaan lafa jalaa keessa jiru waaqa tolfamaa kamiitiin iyyuu ofii keetiif hin tolfatin. 9Isaaniif hin sagadin yookaan isaan hin waaqeffatin; ani Waaqayyo Waaqni kee, Waaqa hinaafu kan ijoollee warra na jibbanii sababii cubbuu abbootiitiif jedhee hamma dhaloota sadii fi afuriitti adabee 10warra na jaallatanii ajajawwan koo eegan immoo hamma dhaloota kumaatti jaallatuu dha.
11Maqaa Waaqayyo Waaqa keetii akkasumaan hin dhaʼin; Waaqayyo warra akkuma argan maqaa isaa dhaʼan utuu hin adabin hin dhiisuutii.
12Akkuma Waaqayyo Waaqni kee si ajajetti guyyaa Sanbataa qulqulleessuudhaan eegi. 13Guyyoota jaʼa hojjedhu; hojii kee hundas hojjetadhu; 14guyyaan torbaffaan garuu sanbata Waaqayyo Waaqa keetii ti. Gaafas hojii tokko illee hin hojjetin; ati yookaan ilmi kee yookaan intalli kee yookaan hojjetaan kee yookaan xomboreen kee yookaan qotiyyoon kee yookaan harreen kee yookaan horiin kee kam iyyuu yookaan alagaan magaalaa kee keessa jiraatu tokko iyyuu homaa hin hojjetin. Hojjetaan keetii fi hojjettuun kee akkuma kee haa boqotan. 15Akka atis biyya Gibxitti garba turtee fi ergasii immoo Waaqayyo Waaqni kee harka jabaa fi irree diriirfameen achii si baase yaadadhu. Kanaafuu Waaqayyo Waaqni kee akka ati Sanbata eegdu si ajaje.
16Akka biyya Waaqayyo Waaqni kee siif kennu keessa bara dheeraa jiraattuu fi akka sitti toluuf akkuma Waaqayyo Waaqni kee si ajajetti abbaa keetii fi haadha keetiif ulfina kenni.
17Hin ajjeesin.
18Hin ejjin.
19Hin hatin.
20Ollaa keetti sobaan dhugaa hin baʼin.
21Niitii namaa hin hawwin. Mana namaa yookaan lafa qotiisaa yookaan hojjetaa yookaan xomboree isaa, qotiyyoo isaa yookaan harree isaa, yookaan waan namaa kam iyyuu hin hawwin.”
Copyright information for GazHAHl