‏ Exodus 12:14-20

14“Guyyaan kun guyyaa yaadannoo isiniif haa taʼu; akka ayyaanaatti Waaqayyoof ni ayyaaneffattu; dhaloota keessan hunda keessattis sirna bara baraa godhattanii ni eegdu. 15Isin bultii torba maxinoo nyaachuu qabdu; guyyaa jalqabaatti mana keessanii raacitii baasaa gataa; namni kam iyyuu guyyaa jalqabaatii kaasee hamma guyyaa torbaffaatti yoo buddeena bukaaʼe nyaate saba Israaʼel keessaa haa balleeffamu. 16Guyyaa jalqabaatti wal gaʼii qulqulluu qabaadhaa; wal gaʼii qulqulluu biraa immoo guyyaa torbaffaatti qabaadhaa. Waan namni hundi nyaatu qopheessuu malee guyyoota kanneen hojii tokko iyyuu hin hojjetinaa; wanni isin hojjechuu dandeessan kanuma.

17“Sababii guyyaan ani itti raayyaa keessan Gibxi keessaa baase guyyuma kana taʼeef Ayyaana Maxinoo kana ayyaaneffadhaa; guyyaa kanas sirna bara baraa godhadhaatii dhaloota keessan hunda keessatti ayyaaneffadhaa. 18Isin jiʼa jalqabaa keessa galgala bultii kudha afuraffaadhaa hamma galgala guyyaa digdamii tokkoffaatti maxinoo nyaattu. 19Bultii torbaaf raacitiin tokko illee mana keessanitti hin argamin; alagaas taʼu dhalataan biyyaa, namni waan raacitii qabu nyaatu kam iyyuu waldaa Israaʼel keessaa haa balleeffamu. 20Waan raacitii qabu tokko illee hin nyaatinaa; lafa jiraattan hundatti Maxinoo nyaadhaa.”
Copyright information for GazHAHl