Exodus 20:1-17
Ajajawwan Kurnan
20:1‑17 kwf – KeD 5:6‑21
1Waaqni akkana jedhee dubbii kana hunda dubbate: 2“Ani Waaqayyo Waaqa kee kan Gibxii, biyya garbummaatii si baasee dha. 3“Ati ana malee waaqota biraa tokko illee hin qabaatin.4Ati bifa waan ol samii gubbaa yookaan gad lafa irra yookaan bishaan lafa jalaa keessa jiru kamiitiin iyyuu Waaqa tolfamaa ofii keetiif hin tolfatin. 5Isaaniif hin sagadin yookaan isaan hin waaqeffatin; ani Waaqayyo Waaqni kee Waaqa hinaafu kan sababii cubbuu abbootiitiif jedhee ijoollee warra na jibbanii hamma dhaloota sadii fi afuriitti adabee 6warra na jaallatanii ajajawwan koo eegan immoo hamma dhaloota kumaatti jaallatuu dha.
7Maqaa Waaqayyo Waaqa keetii akkasumaan hin dhaʼin; Waaqayyo warra akkuma argan maqaa isaa dhaʼan utuu hin adabin hin dhiisuutii.
8Guyyaa Sanbataa qulqulleessuudhaan yaadadhu. 9Guyyoota jaʼa hojjedhu; hojii kee hundas hojjetadhu; 10guyyaan torbaffaan garuu sanbata Waaqayyo Waaqa keetii ti. Gaafas hojii tokko illee hin hojjetin; ati yookaan ilmi kee yookaan intalli kee yookaan hojjetaan kee yookaan xomboreen kee yookaan horiin kee yookaan alagaan magaalaa kee keessa jiraatu tokko iyyuu homaa hin hojjetin. 11Waaqayyo guyyaa jaʼa keessatti samii fi lafa, galaanaa fi waan isaan keessa jiru hunda uumee guyyaa torbaffaatti boqoteetii. Kanaafuu Waaqayyo Sanbata eebbisee qulqulleesse.
12Akka biyya Waaqayyo Waaqni kee siif kennu keessa bara dheeraa jiraattuuf abbaa keetii fi haadha keetiif ulfina kenni.
13Hin ajjeesin.
14Hin ejjin.
15Hin hatin.
16Ollaa keetti sobaan dhugaa hin baʼin.
17Mana namaa hin hawwin. Niitii namaa yookaan hojjetaa isaa yookaan xomboree isaa yookaan qotiyyoo isaa yookaan harree isaa yookaan waan namaa kam iyyuu hin hawwin.”
Copyright information for
GazHAHl