Exodus 21:2-11
Seera Waaʼee Garbootaa
21:2‑6 kwf – KeD 15:12‑18
21:2‑11 kwi – Lew 25:39‑55
2“Ati yoo Ibroota keessaa garbicha bitatte inni waggaa jaʼa siif haa hojjetu. Waggaa torbaffaatti garuu inni kaffaltii malee bilisa haa baʼu. 3Inni yoo kophaa isaa dhufee jiraate kophaa isaa bilisoomee haa deemu; yeroo dhufutti inni yoo niitii qabaate isheenis isa wajjin haa deemtu. 4Yoo gooftaan isaa niitii isa fuusisee isheenis ilmaan yookaan intallan deesseefii jiraatte, ishee fi ijoolleen ishee kan gooftaa ishee taʼu; namichi qofti bilisa taʼee haa deemu. 5“Garuu garbichi sun, ‘Ani gooftaa koo fi niitii koo, ijoollee koos nan jaalladha; ani bilisa baʼee deemuu hin barbaadu’ yoo jedhe, 6gooftaan isaa fuula abbootii murtii duratti isa haa dhiʼeessu; gara balbalaatti yookaan gara michichila balbalaatti geessees mutaadhaan gurra isaa haa uru. Ergasii inni bara jireenya isaa guutuu isa tajaajila. 7“Namni yoo intala isaa akka garbittiitti gurgurate, isheen akka garbichi tokko itti bilisa baʼutti bilisa hin baʼin. 8Yoo isheen goofticha ofii isaatiif ishee filate sanatti toluu baatte inni akka isheen furamtuu haa godhu. Inni waan isheef amanamuu dhabeef dabarsee ormatti ishee gurguruuf mirga hin qabu. 9Yoo ilma isaatiif ishee filate immoo mirga intala ofii isaatiif kennu isheefis haa kennu. 10Yoo niitii biraa fuudhe immoo niitii isaa kan jalqabaa sana nyaata, uffataa fi mirga niitiif malu itti hin hirʼisin. 11Yoo inni wantoota sadan kanneen isheef gochuu dide garuu isheen kaffaltii maallaqaa tokko malee bilisa baʼuu qabdi.
Copyright information for
GazHAHl