‏ Exodus 25:1-7

Kennaa Dunkaana Qulqulluuf Walitti Qabamu

25:1‑7 kwf – Bau 35:4‑9

1 Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe; 2“Akka isaan kennaa naa fidaniif saba Israaʼelitti himi. Nama garaa isaa guutuudhaan kennuu fedhu hunda harkaa kennaa naa fuudhaa.

3“Kennaan isaan harkaa fuutanis:

“Warqee, meetii fi naasii;
4kirrii bifa cuquliisaa, dhiilgee, bildiimaa fi wayyaa haphii quncee talbaa irraa hojjetame;
rifeensa reʼee;
5gogaa korbeessa hoolaa kan halluu diimaa cuuphame, gogaa duugame,
muka laaftoo,
6ibsaadhaaf, zayitii ejersaa,
urgooftuuwwan immoo zayitii dibatamuu fi ixaana urgaaʼuuf;
7dhagaawwan sardooniksii, dooqa gati jabeessa, dirataa fi qomee irratti kaaʼatamuu dha.
Copyright information for GazHAHl