Exodus 25:23-29
Minjaala
25:23‑29 kwf – Bau 37:10‑16
23“Muka laaftoo irraa minjaala dhundhuma lama dalga dheeratu, kan dhundhuma tokko balʼatee ol dheerinni isaa immoo dhundhuma tokkoo fi walakkaa taʼe tolchi. 24Warqee qulqulluu itti uffisiitii naannoo isaatti marsaa warqee tolchi. 25Naannoo isaa irrattis hidhii hamma balʼina harkaa gaʼuu fi faaya warqee tolchi. 26Minjaala kanaafis qubeelaa warqee afur hojjedhuutii goleewwan afranitti iddoo miilli afran jiranitti kaaʼi. 27Qubeelaawwan kunneenis akka danqaraa ittiin minjaala baatan qabataniif xiyyoo sanatti dhiʼaachuu qabu. 28Muka laaftoo irraa loosawwan tolchi; warqee itti uffisiitii minjaala sana ittiin baadhu. 29Dhibaayyuu dhiʼeessuufis caabiiwwan isaa, waciitiiwwan isaa, okkoteewwan isaatii fi waciitiiwwan isaa warqee qulqulluu irraa tolchi.
Copyright information for
GazHAHl