‏ Exodus 28:15-28

Kiisii Qomaa

28:15‑28 kwf – Bau 39:8‑21

15“Ogeessa harka tolu tokko kiisii qomaa kan murtii hojjechiisi; isas akkuma dirata sanaatti warqeedhaan, kirrii bifa cuquliisaa, dhiilgee, bildiimaa fi quncee talbaa kan qalʼifamee foʼameen hojjedhu. 16Kiisiin qomaa kun gama afraniinuu wal qixxee fi dachaa taʼee dheerina taakkuu tokkoo fi balʼina taakkuu tokko haa qabaatu. 17Dhagaawwan gati jabeeyyiis toora afuriin irratti maxxansi. Toora jalqabaa irratti sardiyoon, tophaaziyoonii fi biiralee; 18toora lammaffaa irratti baluur, sanpeerii fi almaaz; 19toora sadaffaa irratti yaakinti, kelqedoonii fi yaakinti, 20toora afuraffaa irratti biiralee, sardooniksii fi yaasphiidi maxxansi. Dhagaawwan kanneenittis marsaa faaya warqee tolchi. 21Dhagaawwan kudha lama kanneen tokkoo tokkoo isaanii irratti maqaa gosoota kudha lama keessaa maqaan tokko akkuma chaappaatti soofame haa jiraatan; tokkoon tokkoon dhagaawwan sanaas maqaa ilmaan Israaʼel tokko tokkoof dhaabata.

22“Kiisii qomaatiifis foncaa warqee qulqulluu akka funyootti foʼame tolchi. 23Kiisii qomaa sanaafis qubeelaa warqee lama tolchiitii qubeelaa warqee lamaan roga kiisii qomaa lamaanitti qabsiisi. 24Foncaa warqee sana lamaanis qubeelaawwan rogawwan kiisii qomaa sanatti guduunfi. 25Mataa lamaan foncaa lamaan sanaa kaan immoo marsaawwan faayaa lamaanitti guduunfiitii karaa fuula duraatiin foncaa dirataa kan gatiittiitti qabsiisi. 26Qubeelaawwan warqee lama tolchiitii rogawwan kiisii qomaa biraa kanneen karaa moggaa keessaatiin diratatti aananii jiran lamaanitti kaaʼi. 27Ammas qubeelaawwan warqee lama biraa tolchiitii sabbata dirataatiin olitti hodhaatti dhiʼeessii funyoo gatiittii lamaan fuula dirataa duraan jiru sana jalaan itti hidhi. 28Akka kiisiin qomaa dirata irraa hin sosochooneef qubeelaawwan kiisii qomaa sun sabbata mudhiitiin walitti qabsiifamanii funyoo bifa cuquliisaatiin qubeelaawwan diratatti haa qabsiifaman.
Copyright information for GazHAHl