Exodus 28:31-43
Uffata Lubummaa Kaan
28:31‑43 kwf – Bau 39:22‑31
31“Huccuu bifti isaa guutumaan guutuutti cuquliisa taʼe irraa wandaboo dirataa tolchi; 32walakkaa gubbaa isaattis afaan ittiin mataa seensifatan tolchi. Akka inni hin tarsaaneefis qarqara afaan isaa irra wanni faayeffamee qopheeffame haa jiraatu. 33Naannoo xiyyoo wandaboo sanaatti immoo kirrii bifa cuquliisaa, dhiilgee fi bildiimaadhaan roomaanii hojjedhuutii gidduu isaatti immoo bilbila warqee tolchi. 34Bilbilli warqeetii fi roomaaniin sun wal jala dadarbanii naannoo xiyyoo wandaboo sanaatti haa hojjetaman. 35Aroon yeroo tajaajilu wandaboo kana haa uffatu; akka inni hin duuneef yommuu inni fuula Waaqayyoo dura iddoo qulqulluu seenuu fi yommuu inni achii gad baʼutti sagaleen bilbila sanaa ni dhagaʼama. 36“Warqee qulqulluu irraa faaya tolchii, Kan Waaqayyoof Qulqulleeffame, jedhiitii akkuma waan chaappaa irratti soofamuutti soofii barreessi. 37Faaya sana marata mataatiin wal qabsiisuuf funyoo bifa cuquliisaa itti hidhi; innis marata mataa fuula duraan haa taʼu. 38Faayi kunis adda Aroon irra taaʼa; Aroonis yakka kennaawwan qulqulluu ilmaan Israaʼel dhiʼeessan keessatti argamu hunda ni baata. Kunis akka isaan fuula Waaqayyoo duratti fudhatama argataniif adda Aroon irra jiraata. 39“Quncee talbaa kan qalʼifamee foʼame dhoofsisiitii qomee hojjedhu; marata mataa illee quncee talbaa gaarii irraa tolchi. Sabbannis ogeessa harka qajeeluun haa tolfamu. 40Akka ilmaan Aroonis ulfinaa fi miidhagina argataniif qomee, sabbataa fi marata mataa tolchiif. 41Erga uffata kana obboleessa kee Aroonittii fi ilmaan isaatti uffiftee booddee dibii isaan muudi. Akka isaan luboota taʼanii na tajaajilaniifis isaan qulqulleessi. 42“Qumxaa wayyaa jalaa kan mudhiidhaa jalqabee hamma gudeedaatti qullaa namaa dhoksu quncee talbaa irraa hojjedhuuf. 43Aroonii fi ilmaan isaa akka balleessaa hojjetanii hin duuneef yeroo dunkaana wal gaʼii seenan yookaan Iddoo Qulqulluu sanatti tajaajila kennuuf iddoo aarsaatti dhiʼaatan uffata kana uffachuu qabu. “Kunis Aroonii fi sanyii isaatiif sirna bara baraa haa taʼu.
Copyright information for
GazHAHl