Exodus 29:1-37
Qulqulleeffamuu Lubootaa
29:1‑37 kwf – Lew 8:1‑36
1“Akka isaan luboota taʼanii na tajaajilaniif wanni ati isaan qulqulleessuuf gootu kanaa dha; dibicha tokkoo fi korbeeyyii hoolaa kanneen mudaa hin qabne lama fuudhi. 2Daakuu qamadii filatamaa irraa Maxinoo, Maxinoo zayitiidhaan sukkuumamee fi bixxillee zayitiin irra dibame tolchi. 3Isaan kanas gundoo keessa kaaʼiitii dibichaa fi korbeeyyii hoolaa wajjin dhiʼeessi. 4Ergasii immoo Aroonii fi ilmaan isaa gara balbala dunkaana wal gaʼiitti fidiitii bishaaniin isaan dhiqi. 5Uffatas fuudhiitii qomee, wandaboo dirataa, dirataa fi kiisii qomaa Aroonitti uffisi. Dirata sanas sabbata ogummaadhaan dhaʼameen hidhi. 6Mataa isaatti marata mari; marata sanatti immoo gonfoo qulqulluu qabsiisi. 7Zayitii ittiin dibdu fuudhiitii mataa isaa irratti dhangalaasuudhaan isa dibi. 8Ilmaan isaa fidii qomee isaanitti uffisi; 9mataa isaaniitti marata mari. Ergasii immoo Aroonii fi ilmaan isaatti sabbata hidhi. Lubummaanis seera bara baraatiin kan isaanii ti. “Atis akkasiin Aroonii fi ilmaan isaa muudi. 10“Dibicha sana gara fuula dunkaana wal gaʼiitti fidi; Aroonii fi ilmaan isaa immoo harka isaanii mataa isaa irra haa kaaʼan. 11Atis fuula Waaqayyoo duratti, balbala dunkaana wal gaʼii irratti isa qali. 12Dhiiga dibicha sanaa irraa xinnoo fuudhiitii quba keetiin gaanfa iddoo aarsaa dibi; kan hafe immoo miilla iddoo aarsaa irratti dhangalaasi. 13Moora miʼa garaatti haguugame hunda, haguuggii tiruutii fi moora kalee lamaanitti haguugame fuudhiitii iddoo aarsaa irratti gubi. 14Foon dibicha sanaa, gogaa isaatii fi cumaa isaa garuu qubata keessaa gad baasii gubi. Inni aarsaa cubbuu ti. 15“Korbeeyyii hoolaa sana keessaa tokko fidi; Aroonii fi ilmaan isaas harka isaanii mataa isaa irra haa kaaʼan. 16Korbeessa hoolaa sana qalii dhiiga isaa fuudhiitii gama hundaan iddoo aarsaatti facaasi. 17Korbeessa hoolaa sana gargar kukkutii miʼa garaatii fi luka isaa miiciitii mataa fi kutaawwan kaan wajjin kaaʼi. 18Korbeessa hoolaa sana guutumaan guutuutti iddoo aarsaa irratti gubi. Kunis qalma Waaqayyoof gubamu, aarsaa urgaaʼaa ibiddaan Waaqayyoof dhiʼeeffamuu dha. 19“Korbeessa hoolaa kaan illee fidi; Aroonii fi ilmaan isaa harka isaanii mataa isaa irra haa kaaʼan. 20Korbeessa hoolaa sana qali; dhiiga isaa irraas fuudhiitii fiixee gurra Aroon mirgaatii fi fiixee gurra ilmaan isaa mirgaa dibi; quba abbuudduu harka mirgaa isaaniitii fi quba abbuudduu miilla mirgaa isaanii illee dibi. Dhiiga hafe immoo gama hundaan iddoo aarsaatti facaasi. 21Dhiiga iddoo aarsaa irra jiru irraa, zayitii ittiin diban irraas fuudhiitii Aroonii fi uffata isaatti, ilmaan isaatii fi uffata isaaniitti facaasi. Akkasiin innii fi ilmaan isaa, uffanni isaaniis ni qulqullaaʼu. 22“Korbeessa hoolaa kana irraas cooma, duboo, moora miʼa garaa haguugu, haguuggii tiruu, kalee lamaanii fi moora isaanitti jiru, akkasumas tafa mirgaa fuudhii. Korbeessi hoolaa kunis hoolaa ittiin lubummaa kennanii dha. 23Gundoo Maxinoo baatu kan fuula Waaqayyoo dura jiru sana irraa maxinoo tokko, maxinoo zayitiidhaan tolfame tokkoo fi bixxillee tokko fuudhi. 24Wantoota kanneen hunda harka Aroonii fi harka ilmaan isaa keessa kaaʼiitii aarsaa sochoofamu godhii fuula Waaqayyoo duratti sochoosi. 25Ergasii immoo harka isaaniitii fuudhii akka urgaa Waaqayyotti tolu taʼuuf aarsaa gubamu wajjin iddoo aarsaa irratti gubi; kunis aarsaa ibiddaan Waaqayyoof dhiʼeeffamuu dha. 26Erga handaraafa hoolaa Aroon ittiin luba taʼe sana fuutee booddee aarsaa sochoofamu godhiitii fuula Waaqayyoo duratti sochoosi; kunis qooda kee ti. 27“Handaraafa aarsaa sochoofamuu, luka korbeessa hoolaa isa kan Aroonii fi ilmaan isaa isa yeroo isaan luba taʼan aarsaa taʼee dhiʼaate sana qulqulleessi. 28Kunis qooda bara baraa kan sabni Israaʼel yeroo hunda Aroonii fi ilmaan isaatiif kennuu dha. Innis gumaacha sabni Israaʼel aarsaa nagaa irraa Waaqayyoof kennuu dha. 29“Akka isaan ittiin dibamanii luba taʼaniif uffanni Aroon qulqulluun kan ilmaan isaa haa taʼu. 30Ilmi iddoo isaa buʼee luba taʼuudhaan Iddoo Qulqulluu keessa tajaajiluuf gara dunkaana wal gaʼii dhufu bultii torba uffata kana haa uffatu. 31“Korbeessa hoolaa isa ittiin luba taʼan sana fuudhiitii foon isaa Iddoo Qulqulluutti affeeli. 32Aroonii fi ilmaan isaa foon hoolaa sanaatii fi buddeena gundoo irraa sana balbala dunkaana wal gaʼii duratti haa nyaatan. 33Isaanis aarsaa isaan ittiin luba taʼanii fi qulqulleeffamuu isaaniitiif ittiin araarri buʼe haa nyaatan. Sababii aarsaan sun qulqulluu taʼeef garuu namni kaan hin nyaatin. 34Yoo foon korbeessa hoolaa ittiin luba taʼan kam iyyuu yookaan buddeenni kam iyyuu hafee bule ibiddaan gubi; sababii qulqulluu taʼeef nyaatamuu hin qabu. 35“Waan ani si ajaje hunda Aroonii fi ilmaan isaatiif godhi. Bultii torba guutuu seera lubummaa isaaniif raawwadhu. 36Akka araarri buʼuufis guyyuma guyyaan dibicha qalii aarsaa cubbuu dhiʼeessi. Iddoo aarsaa sanaaf aarsaa araaraa dhiʼeessuudhaan qulqulleessi; addaan baasuudhaafis isa dibi. 37Iddoo aarsaa sanaafis bultii torba araara buusiitii isa qulqulleessi. Yoos iddoon aarsaa sun waan hunda caalaa qulqulluu taʼa; wanni isa tuqu hundinuus ni qulqulleeffama.
Copyright information for
GazHAHl