Exodus 35:10-19
10“Isin keessaa namoonni ogeeyyiin hundi dhufanii waan Waaqayyo ajaje hunda haa hojjetan: 11“Kunis dunkaana qulqulluu dunkaana isaatii fi irra buusaa isaa wajjin, hokkoowwan isaa, tuggee isaa, dagalee isaa, utubaa isaa, miilla isaa,12taabota danqaraa isaa wajjin, teessoo araaraatii fi golgaa isa dhoksus,
13minjaala danqaraa isaatii fi miʼa isaa hunda wajjin, buddeena ilaalchaa;
14baattuu ibsaa kan ifaaf taʼu miʼa isaa wajjin, ifa sanaafis ibsaa fi zayitii,
15iddoo aarsaa ixaanaa danqaraa isaa wajjin, zayitii ittiin dibanii fi ixaana urgaaʼu,
karra ittiin dunkaana qulqulluu seenaniifis golgaa balbalaa,
16iddoo aarsaa kan qalma gubamuu gingilchaa isaa kan naasii irraa hojjetame wajjin, danqaraawwan isaatii fi miʼa isaa hunda,
caabii naasii miilla isaa wajjin,
17golgaawwan oobdii utubaawwanii fi miillawwan isaanii wajjin, golgaa karra oobdii sanaa,
18dunkaana qulqulluu fi qofoowwan oobdii dunkaana qulqulluutii fi funyoowwan isaanii,
19wayyaawwan foʼamanii dhaʼaman kanneen isaan yeroo iddoo qulqulluu keessa tajaajilan uffataman jechuunis wayyaawwan Aroon lubichaaf qulqulleeffamanii fi wayyaawwan ilmaan isaa yeroo lubummaadhaan tajaajilanitti uffatan haa hojjetan.”
Copyright information for
GazHAHl