‏ Exodus 37:1-9

Taabota

37:1‑9 kwf – Bau 25:10‑20

1Bezaliʼeel muka laaftoo irraa taabota tolche; taabonni sunis dhundhuma lamaa fi walakkaa dheerata; dhundhuma tokkoo fi walakkaa balʼata; dhundhuma tokkoo fi walakkaa ol dheerata ture. 2Innis keessaa fi duuba isaatti warqee qulqulluu uffise; naannoo isaattis marsaa faaya warqee naannessee tolche. 3Qubeelaa warqee afur tolcheefii miilla isaa afranitti qabsiise; qubeelaa lama gama tokkoon, qubeelaa kaan immoo gama kaaniin itti kaaʼe. 4Ergasiis muka laaftoo irraa danqaraawwan tolchee warqee itti uffise. 5Innis taabota sana ittiin baachuudhaaf danqaraawwan sana qubeelaawwan keessa loose.

6Innis warqee qulqulluu irraa teessoo araaraa tolche; teessoon sunis dheerina dhundhuma lamaa fi walakkaa fi balʼina dhundhuma tokkoo fi walakkaa qaba ture. 7Moggaa lamaan teessoo araaraa irratti warqee tumame irraa Kiirubeelii lama tolche. 8Innis Kiirubii tokko moggaa tokko irratti, Kiirubii lammaffaa moggaa kaan irratti tolche; kiirubeelii lamaan sana moggaa teessoo araaraa lamaan irratti teessoo araaraa wajjin mukuma tokko irraa tolche. 9Kiirubeeliin sun qoochoo isaanii ol balʼifatanii teessoo araaraa sanatti gaaddiseessu turan. Kiirubeeliin kunneen fuula isaanii walitti garagalfatanii gara teessoo araaraa ilaalu turan.
Copyright information for GazHAHl