Exodus 37:10-16
Minjaala
37:10‑16 kwf – Bau 25:23‑29
10Isaanis muka laaftoo irraa minjaala dalga dheerinni isaa dhundhuma lama, balʼinni isaa dhundhuma tokko, ol dheerinni isaa dhundhuma tokkoo fi walakkaa tolchan. 11Isaanis warqee qulqulluu itti uffisanii naannoo isaatti marsaa warqee tolchan. 12Naannoo isaa irrattis hidhii hamma balʼina harkaa gaʼuu fi faaya warqee tolchan. 13Isaanis qubeelaa warqee afur minjaala sanaaf hojjetanii iddoo miilli afran turetti goleewwan afranitti qabsiisan. 14Qubeelaawwan sunis akka danqaraa minjaalli sun ittiin baatamu qabaniif xiyyoo sanatti dhiʼeeffamanii kaaʼaman. 15Danqaraawwan minjaalli ittiin baatamu sun muka laaftoo irraa hojjetamanii warqeen itti uffifamee ture. 16Miʼoota minjaala sana irra kaaʼaman jechuunis caabiiwwan isaa, waciitiiwwan isaa, waciitiiwwan isaatii fi okkoteewwan isaa kanneen ittiin dhibaayyuu dhibaafatan warqee qulqulluu irraa tolchan.
Copyright information for
GazHAHl