‏ Exodus 39:2-7

Efuudii

39:2‑7 kwf – Bau 28:6‑14

2Isaanis warqee fi kirrii bifa cuquliisaa, dhiilgee, bildiimaa fi quncee talbaa kan qalʼifamee foʼameen dirata hojjetan. 3Isaanis kirrii bifa cuquliisaa, dhiilgee, bildiimaa fi quncee talbaa qalʼaa isaa tolchuuf jedhanii warqee sana ogummaa harkaatiin tumanii akka baalaatti haphisanii foʼaa foʼaatti gargar kukkutan. 4Isaanis akka inni walitti guduunfamuu dandaʼuuf funyoo gatiittii kan golee isaa lamaanitti hidhamee ture dirata sanaaf tolchan. 5Sabbanni isaa kan ogummaadhaan dhaʼames akkuma isaa dirata wajjin tokko taʼee warqeedhaan, kirrii bifa cuquliisaa, dhiilgee, bildiimaa fi quncee talbaa kan qalʼifamee foʼameen akkuma Waaqayyo Musee ajajetti hojjetame.

6Isaanis dhagaawwan sardooniksii qopheessanii marsaa faaya warqee naannoo isaatti tolchan; maqaa ilmaan Israaʼelis akka chaappaatti isaan irratti soofan. 7Ergasiis akka ilmaan Israaʼeliif dhagaa yaadannoo taʼuuf akkuma Waaqayyo Musee ajajetti dhagaawwan sana funyoo gatiittii dirata sanatti qabsiisan.
Copyright information for GazHAHl