Exodus 39:22-31
Uffata Lubummaa Kan Biraa
39:22‑31 kwf – Bau 28:31‑43
22Isaanis huccuu guutumaan guutuutti bifti isaa cuquliisa taʼe irraa wandaboo dirataa tolchan; 23walakkaa gubbaa wandaboo sanaattis afaan ittiin mataa seensifatan tolchan; akka inni hin tarsaaneefis qarqara afaan isaa irra waa naannessanii hodhan. 24Isaanis xiyyoo wandaboo sanaatti kirrii bifa cuquliisaa, dhiilgee, bildiimaa fi quncee talbaa kan qalʼifamee foʼameen roomaanii hojjetan. 25Warqee qulqulluu irraas bilbila hojjetanii roomaanota gidduudhaan naannoo xiyyoo wandabootti qabsiisan. 26Bilbillii fi roomaaniin sun akkuma Waaqayyo Musee ajajetti tokko tokkoon wal keessa makamanii naannoo xiyyoo wandaboo tajaajilaaf uffatamu sanaatti qabsiifaman. 27Aroonii fi ilmaan isaatiif immoo kittaa quncee talbaa kan qalʼifamee foʼameen dhoofsisanii hojjetan; 28akkasumas quncee talbaa qalʼaa isaatiin marata mataa, quncee talbaatiin gonfoo, quncee talbaa kan qalʼifamee foʼameen immoo uffata wayyaa jalaa hojjetaniif. 29Sabbannis quncee talbaa kan qalʼifamee foʼamee fi kirrii bifa cuquliisaa, dhiilgee fi bildiimaan faayeffame akkuma Waaqayyo Musee ajajetti hojjetame. 30Isaanis warqee qulqulluu irraa faaya gonfoo qulqulluu tolchanii akkuma waan chaappaa irratti qirixamuutti: Kan Waaqayyoof Qulqulleeffame, jedhanii irratti barreessan. 31Ergasiis faaya sana marata mataatiin wal qabsiisuuf jedhanii akkuma Waaqayyo Musee ajajetti funyoo bifa cuquliisaa itti hidhan.
Copyright information for
GazHAHl