Exodus 39:32-41
Museen Hojii Dunkaana Qulqulluu Toʼate
39:32‑41 kwf – Bau 35:10‑19
32Akkasiin hojiin dunkaana qulqulluu kan dunkaana wal gaʼii hundi xumurame. Israaʼeloonnis akkuma Waaqayyo Musee ajajetti waan hunda hojjetan. 33Isaanis dunkaana qulqulluu sana Museetti fidan:dunkaanaa fi miʼa isaa hunda, hokkoowwan isaa, tuggeewwan isaa, dagaleewwan isaa, utuboota isaatii fi miillawwan isaa;34irra buusa kalʼee korbeessa hoolaa kan halluu diimaa cuuphame, irra buusa gogaa duugameetii fi golgaa daʼeessu;
35taabota kakuu seeraa, danqaraa isaatii fi teessoo araaraa wajjin;
36minjaala miʼa isaa hundaa fi buddeena ilaalchaa wajjin;
37baattuu ibsaa kan warqee qulqulluu irraa hojjetame, ibsaawwan tarree galanii fi miʼa isaa hunda wajjin, zayitii ibsaa;
38iddoo aarsaa kan warqee irraa hojjetame, zayitii ittiin diban, ixaana urgaaʼu, golgaa balbala dunkaanaa;
39iddoo aarsaa kan naasii irraa hojjetame, gingilchaa isaa kan naasii irraa hojjetame wajjin,
danqaraawwan isaatii fi miʼa isaa hunda, caabii miilla isaa wajjin;
40golgaawwan oobdii utubaawwanii fi miillawwan isaanii wajjin,
golgaa karra oobdii sanaa, funyoowwanii fi qofoowwan oobdii,
miʼa dunkaana qulqulluu kan dunkaana wal gaʼii hunda;
41wayyaawwan foʼamanii dhaʼaman kanneen yeroo iddoo qulqulluu keessa tajaajilan uffataman, jechuunis wayyaawwan Aroon lubichaaf qulqulleeffamanii fi wayyaawwan ilmaan isaa yeroo lubummaadhaan tajaajilanitti uffatan feʼa.
Copyright information for
GazHAHl