Exodus 39:8-21
Kiisii Qomaa
39:8‑21 kwf – Bau 28:15‑28
8Isaanis akkuma dirata sanaatti warqeedhaan, kirrii bifa cuquliisaa, dhiilgee, bildiimaa fi quncee talbaa kan qalʼifamee foʼameen ogummaadhaan kiisii qomaa tolchan. 9Kiisiin qomaa kun gama afraniinuu wal qixxee ture; innis walitti dachaa taʼee dheerina taakkuu tokkoo fi balʼina taakkuu tokkoo qaba ture. 10Dhagaawwan gati jabeeyyiis toora afuriin irratti maxxansan. Toora jalqabaa irratti sardiyoon, tophaaziyoonii fi biiralee, 11toora lammaffaa irratti baluur, sanpeerii fi almaaz, 12toora sadaffaa irratti yaakinti, kelqedoonii fi yaakinti, 13toora afuraffaa irratti biiralee, sardooniksii fi yaasphiidi maxxansan. Dhagaawwan kanneenittis marsaa faaya warqee tolchan. 14Dhagaawwan kudha lama kanneen tokkoo tokkoo isaanii irratti maqaa gosoota kudha lama keessaa maqaan tokko akkuma chaappaatti soofame ni turan; tokkoon tokkoon dhagaawwan sanaas maqaa ilmaan Israaʼel tokko tokkoof dhaabate. 15Kiisii qomaatiifis foncaa warqee qulqulluu akka funyootti foʼanii tolchan. 16Isaanis marsaa faaya warqee lamaa fi qubeelaa warqee lama tolchanii qubeelaawwan sana rogawwan kiisii qomaa keessaa lamatti guduunfan. 17Foncaa warqee sana lamaanis qubeelaawwan rogawwan kiisii qomaa sanatti guduunfan. 18Mataa lamaan foncaa lamaan sanaa kaan immoo marsaawwan faayaa lamaanitti guduunfanii karaa fuula duraatiin foncaa dirataa kan gatiittiitti qabsiisan. 19Qubeelaawwan warqee lama tolchanii rogawwan kiisii qomaa biraa kanneen karaa moggaa keessaatiin diratatti aananii jiran lamaanitti qabsiisan. 20Ergasiis qubeelaawwan warqee lama biraa tolchanii sabbata mudhiitii olitti garjalee funyoo gatiittii lamaan, fuula dirataa duraan jiru sanaatti qabsiisan. 21Isaanis akka kiisiin qomaa dirata irraa hin sosochooneef qubeelaawwan kiisii qomaa sana sabbata mudhiitiin walitti qabsiisanii akkuma Waaqayyo Musee ajajetti funyoo bifa cuquliisaatiin qubeelaawwan diratatti qabsiisan.
Copyright information for
GazHAHl