Exodus 8:1-4
1Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe; “Faraʼoon bira dhaqii akkana jedhiin; ‘Waaqayyo akkana jedha: Akka sabni koo na tajaajiluuf gad dhiisi. 2Yoo ati gad isa dhiisuu didde immoo kunoo ani biyya kee guutuutti dhaʼicha fattee nan erga. 3Lagni Abbayyaa fatteedhaan guutuma; isaanis ol baʼanii mana keetti, dinqa keetti, siree keetti, mana hojjettoota keetiitti, saba keetti, iddoo ibiddaa keetti, qodaa bukoo keetiittis namʼu. 4Fatteewwan kunneen siʼii fi saba kee, qondaaltota kee hundas ni yaabbatu.’ ”
Copyright information for
GazHAHl