Ezra 2
Maqaa Namoota Boojuudhaa Deebiʼanii
2:1‑70 kwf – Nah 7:6‑73
1Egaa isaan kunneen namoota kutaa biyya sanaa warra boojuu Nebukadnezar mootichi Baabilon sun boojiʼee Baabilonitti isaan geessee ture sanaa deebiʼanii dha; isaanis Yerusaalemii fi Yihuudaatti deebiʼanii tokkoon tokkoon isaanii magaalaa ofii isaaniitti galan; 2isaanis: Zarubaabel, Yeeshuuʼaa, Nahimiyaa, Seraayaa, Reʼelaayaa, Mordekaayi, Bilshaan, Misphaar, Baguwaayi, Rehuumii fi Baʼanaa wajjin dhufan. Maqaa namoota saba Israaʼel taʼanii: 3sanyiin Phaarosh 2,172,4sanyiin Shefaaxiyaa 372,
5sanyiin Aaraa 775,
6sanyiin Fahat Moʼaab warri karaa Yeeshuʼaa fi Yooʼaab dhalatan 2,812,
7sanyiin Eelaam 1,254,
8sanyiin Zaatuu 945,
9sanyiin Zakaayi 760,
10sanyiin Baanii 642,
11sanyiin Beebay 623,
12sanyiin Azgaad 1,222,
13sanyiin Adooniiqaam 666,
14sanyiin Baguwaay 2,056,
15sanyiin Aadiin 454,
16sanyiin Ateer warri karaa Hisqiyaas 98,
17sanyiin Beesaay 323,
18sanyiin Yooraa 112,
19sanyiin Haashum 223,
20sanyiin Gibaar 95,
21namoonni Beetlihem 123,
22namoonni Netoofaa 56,
23namoonni Anaatoot 128,
24namoonni Azmaawet 42,
25namoonni Kiriyaati Yeʼaariim, kan Kefiiraatii fi Biʼeeroot 743,
26namoonni Raamaa fi Gebaa 621,
27namoonni Mikmaas 122,
28Namoonni Beetʼeelii fi Aayi 223,
29namoonni Neboo 52,
30namoonni Magbiish 156,
31namoonni Eelaam kaan 1,254,
32namoonni Haariim 320,
33namoonni Lood, kan Haadiidii fi Oonoom 725,
34namoonni Yerikoo 345,
35namoonni Senaaʼaa 3,630.
36Luboota: Sanyiin Yedaaʼiyaa warri karaa maatii Yeeshuuʼaan dhufan 973,
37sanyiin Imeer 1,052,
38sanyiin Phaashihuur 1,247,
39sanyiin Haariim 1,017.
40Lewwota: Sanyiin Yeeshuuʼaa fi Qadmiiʼeel, karaa Hoodayiwaa dhufan 74.
41Faarfattoota: sanyiin Asaaf 128.
42Eegdota karra mana qulqullummaa: sanyiin Shaluum, sanyiin Ateer,
sanyiin Talmoon, sanyiin Aquub,
sanyiin Haxiixaa fi sanyiin Soobaay 139.
43Tajaajiltoota mana qulqullummaa: sanyii Ziihaa, sanyii Hasuufaa fi sanyii Xabaaʼoot,
44sanyii Keeroos, sanyii Siiʼaa, sanyii Faadon;
45sanyii Lebaanaa, sanyii Hagaabaa fi sanyii Aquub;
46sanyii Haagaab, sanyii Shalmaayi, sanyii Haanaan;
47sanyii Gideel, sanyii Gahar, sanyii Reʼaayaa;
48sanyii Reziin, sanyii Neqoodaa, sanyii Gazaam;
49sanyii Uzaa, sanyii Faasehaa, sanyii Beesaay;
50sanyii Asinaa, sanyii Meʼuunimii fi sanyii Nefuusiim;
51sanyii Baqbuuq, sanyii Haquufaa, sanyii Harhuur,
52sanyii Bazluut, sanyii Mihiidaa fi sanyii Harshaa;
53sanyii Barqoos, sanyii Siisaaraa fi sanyii Teemahi;
54sanyii Neziiyaa fi sanyii Haxiifaa
55Sanyii tajaajiltoota Solomoon: Sanyii Soxaayi,
sanyii Sofereetii fi sanyii Firuudaa;
56sanyii Yaʼilaa, sanyii Darqoonii fi sanyii Gideel;
57sanyii Shefaaxiyaa, sanyii Haxiil,
sanyii Fookeret-Hazbaayimii fi sanyii Aamii;
58tajaajiltoota mana qulqullummaatii fi sanyiin tajaajiltoota Solomoon 392. 59Warri armaan gadiis magaalaawwan Teel Melaa, Teel Hareshaa, Kiruub, Adaanii fi Imeeriitii dhufan; isaan garuu akka maatiin isaanii sanyii Israaʼel taʼan mirkaneessuu hin dandeenye; isaanis: 60sanyiin Delaayaa, sanyiin Xoobbiyaa fi sanyiin Neqoodaa 652.
61Luboota keessaa immoo: Sanyii Habayaa, sanyii Haqoosii fi kan Barzilaay; Barzilaayiin kun sababii intala Barzilaay namicha Giliʼaad sanaa fuudheef maqaa kanaan waamame.
62Isaan kunneen sababii galmee hidda dhalootaa keessaa maqaa maatii isaanii barbaadanii dhabaniif akka xuraaʼotaatti ilaalamanii tajaajila lubummaa dhowwaman. 63Bulchaan biyyattiis hamma lubni Uriimii fi Tumiimiidhaan tajaajilu tokko argamutti akka isaan nyaata nyaata hunda caalaa qulqulluu taʼe kam iyyuu hin nyaanneef isaan ajaje. 64Warri boojuudhaa deebiʼan walumaa galatti namoota 42,360 turan; 65kana malees tajaajiltoonni isaanii dhiiraa fi dubartiin 7,337 turan; akkasumas isaan faarfattoota dhiiraa fi dubartii 200 qabu ture. 66Isaan farda 736, gaangolii 245, 67gaala 435 fi harree 6,720 qabu ture. 68Yommuu isaan mana Waaqayyoo kan Yerusaalem keessa jiru sana gaʼanitti hangafoonni maatiiwwanii tokko tokko akka manni Waaqaa iddoo isaatti deebiʼee ijaaramuuf kennaa fedhiidhaan kennamu ni gumaachan. 69Isaanis akkuma dandeettii isaaniitti warqee daariikii ▼
▼Daariikiin tokko giraamii 8.
61,000, meetii minnaanii ▼▼Minnaaniin tokko giraamii 600.
5,000 fi uffata lubootaa 100 horii hojii kanaaf walitti qabametti ni dabalan. 70Luboonni, Lewwonni, faarfattoonni, eegdonni karraa fi tajaajiltoonni mana qulqullummaa namoota tokko tokko wajjin magaalaawwan ofii isaanii keessa qubatan; Israaʼeloonni kaan magaalaawwan ofii isaanii keessa qubatan.
Copyright information for
GazHAHl