‏ Genesis 10:21-31

Sanyii Seem

10:21‑31 kwi – Uma 11:10‑27; 1Sn 1:17‑27

21Seemiifis ilmaan ni dhalatan; obboleessi Seem hangafti Yaafet ture; Seemis abbaa ilmaan Eeber hundaa ture. 22Ilmaan Seem
Eelaam, Ashuur, Arfaakshad, Luudii fi Arraam turan.
23Ilmaan Arraam
Uuzi, Huuli, Geterii fi Meshek turan.
24Arfaakshad Sheelaa dhalche;
Sheelaan immoo Eeberin dhalche.
25Eeberiifis ilmaan lamatu dhalate; sababii bara isaa keessa lafti gargar qoodamteef
maqaan isa tokkoo Felegi jedhamee moggaafame; maqaan obboleessa isaa immoo Yooqxaan jedhamee moggaafame.
26Yooqxaan immoo
Almoodaad, Sheleef, Hazarmaawet, Yaaraa,
27Hadooraam, Uuzaal, Diqlaa, 28Oobaal, Abiimaaʼeel, Shebaa, 29Oofiir, Hawiilaa fi Yoobaabin dhalche. Warri kunneen hundinuu ilmaan Yooqxaanii ti.
30Lafti jireenya isaanii Meeshaa kaʼee karaa Sefaariitiin hamma gaarran baʼa biiftuutti balʼata.
31Ilmaan Seemi akkuma gosaa fi afaan isaaniitti, akkuma biyyaa fi saba isaaniitti kanneenii dha.
Copyright information for GazHAHl