Genesis 10:6-20
Sanyii Kaam
10:6‑20 kwf – 1Sn 1:8‑16
6Ilmaan Haam:Kuushi, Misrayim, Fuuxii fi Kanaʼaan turan.
7Ilmaan Kuushi:
Saabaa, Hawiilaa, Sabtaa, Raʼimaa fi Sabtekaa turan.
Ilmaan Raʼimaa:
Shebaa fi Dedaan turan.
8Kuushi abbaa Naamruud; Naamruudis lafa irratti loltuu jabaa taʼe. 9Innis fuula Waaqayyoo duratti adamsaa jabaa ture; kanaafuu, “Fuula Waaqayyoo duratti adamsaa jabaa akka Naamruudi” jedhame. 10Jalqabni mootummaa isaa Shineʼaar keessatti Baabilon, Ereki, Akaadii fi Kaalnee ture. 11Innis biyya sanaa baʼee Asoor dhaqe; achittis Nanawwee, Rehoobootii fi Kaalahi ijaare; 12akkasumas Resen ishee Nanawwee fi Kaalah gidduutti argamtu ni ijaare; Resen kunis magaalaa guddoo dha. 13Misrayim immoo abbaa
Luudiimootaa, Anaamiimotaa, Lehaabiimotaa, Naftahiimootaa, 14Fatrusiimotaa, Kaseluhiimotaa, jechuunis warra Filisxeemonni irraa dhalatanii fi Kaftooriimotaa ti.
15Kanaʼaan abbaa Siidoon
ilma isaa hangaftichaa, akkasumas kan Heetotaa, 16Yebuusotaa, Amoorotaa, Girgaashotaa, 17Hiiwotaa, Arkaawotaa, Siinotaa, 18Arwaadewotaa, Zemaarotaatii fi Hamaatotaa ture.
Ergasii gosoonni Kanaʼaan ni bibittinnaaʼan; 19daariin Kanaʼaanis Siidoonii kaʼee karaa Geraaraatiin hamma Gaazaatti balʼate; karaa Sodoom, Gomoraa, Adimaatii fi Zebooʼiimiitiinis hamma Leshaatti balʼate.
20Ilmaan Haam akkuma gosaa fi afaan isaaniitti, akkuma biyyaa fi saba isaaniitti kanneenii dha.
Copyright information for
GazHAHl