Genesis 11:10-27
Seemii Jalqabee Hamma Abraamitti
11:10‑27 kwf – Uma 10:21‑31; 1Sn 1:17‑27
10Seenaan maatii Seem kana.Bishaan badiisaa booddee waggaa lamatti Seem yeroo umuriin isaa waggaa 100 guutetti Arfaakshadin dhalche. 11Seem erga Arfaakshadin dhalchee booddee waggaa 500 jiraatee ilmaanii fi intallan biraa dhalche.12Arfaakshad waggaa 35 jiraatee Sheelaa dhalche. 13Arfaakshad erga Sheelaa dhalchee booddee waggaa 403 jiraatee ilmaanii fi intallan biraa dhalche.
14Sheelaan waggaa 30 jiraatee Eeberin dhalche. 15Sheelaan erga Eeberin dhalchee booddee waggaa 403 jiraatee ilmaanii fi intallan biraa dhalche.
16Eeber waggaa 34 jiraatee Felegin dhalche. 17Eeber erga Felegin dhalchee booddee waggaa 430 jiraatee ilmaanii fi intallan biraa dhalche.
18Felegi waggaa 30 jiraatee Reʼuu dhalche. 19Felegi erga Reʼuu dhalchee booddee waggaa 209 jiraatee ilmaanii fi intallan biraas dhalche.
20Reʼuun waggaa 32 jiraatee Seruugin dhalche. 21Reʼuun erga Seruugin dhalchee booddee waggaa 207 jiraatee ilmaanii fi intallan biraa dhalche.
22Seruugi waggaa 30 jiraatee Naahoorin dhalche. 23Seruugi erga Naahoorin dhalchee booddee waggaa 200 jiraatee ilmaanii fi intallan biraa dhalche.
24Naahoor waggaa 29 jiraatee Taaraa dhalche. 25Naahoor erga Taaraa dhalchee booddee waggaa 119 jiraatee ilmaanii fi intallan biraa dhalche.
26Taaraan waggaa 70 jiraatee Abraam, Naahoorii fi Haaraanin dhalche.
Maatii Abraam
27Seenaan maatii Taaraa kana.Taaraan Abraam, Naahoorii fi Haaraanin dhalche. Haaraan immoo Looxin dhalche.
Copyright information for
GazHAHl