Genesis 36:20-28
20Isaan kunneen ilmaan Seeʼiir namicha gosa Hoorii kanneen biyya sana keessa jiraachaa turanii dha; isaanis:Looxaan, Sobaal, Zibeʼoon, Aannaa, 21Diishoon, Eezerii fi Diishaan. Ilmaan Seeʼiir kanneen biyya Edoom keessaa kunneen hangafoota hoorotaa turan.
22Ilmaan Looxaan:
Hoorii fi Hoomaam. Tiimnaa obboleettii Looxaan.
23Ilmaan Sobaal:
Aliwaan, Maanahaat, Eebaal, Shefoo fi Oonaami.
24Ilmaan Zibeʼoon:
Ayyaa fi Aannaa. Aannaan kunis namicha utuu harroota abbaa isaa Zibeʼoon tiksuu gammoojjii keessatti burqaa bishaan danfaa argatee dha.
25Ijoollee Aannaa:
Diishoonii fi Oholiibaamaa intala Aannaa.
26Ilmaan Diishoon:
Hemdaan, Eshbaan, Yitraanii fi Keraan.
27Ilmaan Eezeri:
Bilhaan, Zaawaanii fi Aqaan.
28Ilmaan Diishaan:
Uuzii fi Araan.
Copyright information for
GazHAHl