Genesis 36:31-43
Mootota Edoom
36:31‑43 kwf – 1Sn 1:43‑54
31Mootonni utuu mootiin Israaʼel tokko iyyuu hin moʼin dura Edoom keessatti moʼan kanneen turan: 32Belaa ilmi Beʼoor mootii Edoom taʼe. Magaalaan isaa Diinhaabaa jedhamee moggaafame.33Belaa duunaan Yoobaab ilmi Zeraa namichi Bozraa iddoo isaa buʼee mootii taʼe.
34Yoobaab duunaan Hushaam namichi biyya Teemaan iddoo isaa buʼee mootii taʼe.
35Hushaam duunaan Hadaad ilmi Bedad inni biyya Moʼaabitti Midiyaanin moʼate sun iddoo isaa buʼee mootii taʼe. Maqaan magaalaa isaa Aawiit jedhame.
36Hadaad duunaan Samlaan namichi Masreeqaa iddoo isaa buʼee mootii taʼe.
37Samlaan duunaan Shaawul namichi biyya Rehoobooti ishee laga bira jirtu sanaa iddoo isaa buʼee mootii taʼe.
38Shaawul duunaan Baʼaal-Haanaan ilmi Akboor iddoo isaa buʼee mootii taʼe.
39Baʼaal-Haanaan ilmi Akboor duunaan immoo Hadaad iddoo isaa buʼee mootii taʼe. Magaalaan isaas Faaʼuu jedhame. Maqaan niitii isaa immoo Maheexabiʼeel jedhama ture. Isheenis intala Maxreed intala Mee-Zaahaab turte.
40Hangafoonni Esaawu irraa dhalatan akkuma gosa gosa isaaniittii fi akkuma naannoo jireenya isaaniitti maqaa maqaan kanneenii dha: Tiimnaa, Aalwaa, Yeteeti,
41Oholiibaamaa, Eelaa, Phiinoon,
42Qenaz, Teemaan, Mibzaar,
43Magidiiʼeelii fi Iiraam.
Namoonni kunneen akkuma lafa biyya qabatanii keessa jiraataniitti hangafoota Edoom turan. Esaawuun kunis abbaa Edoomotaa ti.
Copyright information for
GazHAHl