Isaiah 2:1-4
Tulluu Waaqayyoo
2:1‑4 kwf – Mik 4:1‑3
1Wanni Isaayyaas ilmi Amoos waaʼee Yihuudaatii fi Yerusaalem arge kanaa dha: 2Bara dhumaa keessa, tulluun mana qulqullummaa Waaqayyootulluuwwan hunda keessaa ol dheeratee dhaabata;
inni tulluuwwan caalaa ol ol jedha;
saboonni hundinuu gara isaatti yaaʼu.
3Namoonni baayʼeen dhufanii akkana jedhu; “Kottaa gara tulluu Waaqayyoo,
gara mana Waaqa Yaaqoob ol baanaa.
Inni akka nu daandii isaa irra deemnuuf
karaa isaa nu barsiisa.”
Seerri Xiyoon keessaa,
dubbiin Waaqayyoo immoo Yerusaalem keessaa ni baʼa.
4Inni saboota gidduutti murtii kenna;
namoota hedduudhaafis ni murteessa.
Isaan goraadee isaanii tumanii maarashaa tolfatu;
eeboo isaaniis tumanii haamtuu tolfatu.
Sabni tokko saba biraatti goraadee hin luqqifatu;
yookaan lolaaf nama hin leenjifatan.
Copyright information for
GazHAHl