Isaiah 37:14-20
Kadhannaa Hisqiyaas
37:14‑20 kwf – 2Mt 19:14‑19
14Hisqiyaasis ergamoota sana harkaa xalayaa fuudhee dubbifate. Ergasiis gara mana qulqullummaa Waaqayyootti ol baʼee xalayaa sana fuula Waaqayyoo duratti diriirse. 15Hisqiyaas akkana jedhee Waaqayyoon kadhate: 16“Yaa Waaqayyo Waan Hunda Dandeessu, Waaqa Israaʼel, kan Kiirubeel gidduu teessoo irra jirtu, si qofatu mootummoota lafaa hunda irratti Waaqa. Ati samii fi lafa uumteerta. 17Yaa Waaqayyo, gurra kee as qabiitii dhagaʼi; yaa Waaqayyo, ija kees banadhuu ilaali; dubbii Senaaheriib kan inni Waaqa jiraataa arrabsuuf erge kana hunda dhaggeeffadhu. 18“Yaa Waaqayyo, mootonni Asoor uummata kana hundaa fi biyyoota isaanii balleessuun dhugaa dha. 19Isaan waaqota jaraa ibiddatti naqanii barbadeessaniiru; waaqonni sun mukaa fi dhagaa harka namaatiin soofaman turan malee waaqota hin turreetii. 20Kanaafuu yaa Waaqayyo Waaqa keenya, akka mootummoonni lafaa hundinuu akka ati qofti Waaqayyo Waaqa taate beekaniif, harka isaatii nu baasi.”
Copyright information for
GazHAHl