Jeremiah 32:6-9
6Ermiyaas akkana jedhe; “Dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe: 7Hananiʼeel ilmi eessuma keetii ilmi Shaluum si bira dhufee, ‘Ati sababii lafa kana bitachuuf mirga aantummaa qabduuf lafa qotiisaa koo kan Anaatoot keessaa sana bitadhu’ siin jedha. 8“Ergasii akkuma Waaqayyo dubbate sana Hananiʼeel durbiin koo gara oobdii eegumsaatti na bira dhufee, ‘Lafa koo kan biyya Beniyaam keessa Anaatoot jiru sana bitadhu. Waan mirgi furuutii fi dhuunfachuu kan kee taʼeef ati ofii keetii bitadhu’ jedhe. “Kana irratti ani akka wanni kun dubbii Waaqayyoo ture nan beeke; 9kanaafuu ani lafa qotiisaa Anaatoot jiru sana durbii koo Hananiʼeel irraa bitadhee meetii saqilii kudha torba safaree kenneef.
Copyright information for
GazHAHl