‏ Jeremiah 48:29-36

29“Nu waaʼee of tuulummaa Moʼaab
jechuunis akka malee of guddisuu fi ofiin boonuu ishee,
of tuuluu fi of jajuu ishee,
of bokoksuu ishee dhageenyeerra.
30Ani addaggummaa Moʼaab beeka;

garuu faayidaa hin qabaatu” jedha Waaqayyo;
“Of tuuluun ishees homaa hin fayyaduuf”
31Kanaafuu ani Moʼaabiif nan wawwaadha;
Moʼaab hundaaf hiqqifadhee booʼa;
ani namoota Qiir Hareeshetiif nan gadda.
32Yaa muka wayinii Sibimaa,
ani akkuma Yaʼizeeriif booʼu sana siifin booʼa.
Dameen kee hamma galaanaatti diriirtee fagaatte;
isheen hamma galaana Yaʼizeeritti diriirtee deemti.
Balleessituun sun ija kee bilchaataa fi
hurbuu wayinii keetii irra buʼeera.
33Lafa biqiltuutii fi lafa qotiisaa
midhaan Moʼaab keessaa ilillee fi gammachuun badeera.
Ani iddoo itti wayinii cuunfan irraa wayinii kuteera;
namni tokko iyyuu gammadaa sirbee isaan hin cuunfu.
Wacni yoo jiraatee illee
inni waca gammachuu miti.

34“Sababii bishaan Niimriim gogeef,
sagaleen iyya isaanii ol kaʼee,
Heshboonii hamma Eleʼaaleettii fi Yaahaziitti,
Zoʼaarii hamma Hooronaayimittii fi hamma Eglaati Sheelishiyaatti

ni dhagaʼama ture.
35Ani warra iddoowwan sagadaa kanneen gaarran irraatti
aarsaa dhiʼeessanii waaqota isaaniif ixaana aarsan
Moʼaab keessaa nan balleessa” jedha Waaqayyo.
36“Kanaafuu garaan koo akkuma ulullee faarsee Moʼaabiif booʼa;
akkuma ulullee faarsee namoota Qiir Hareeshetiif booʼa.
Qabeenyi isaan horatan duraa badeera.
Copyright information for GazHAHl