Jeremiah 51:15-19
15“Inni humna isaatiin lafa uume;ogummaa isaatiin addunyaa hundeesse;
hubannaa isaatiinis samiiwwan diriirse.
16Yommuu inni qaqawweessaʼutti bishaanonni samii ni huursu;
inni akka duumessoonni daarii lafaatii ol kaʼan ni godha.
Bokkaa wajjin balaqqee ni erga;
mankuusaalee isaa keessaa immoo bubbee ni fida.
17“Tokkoon tokkoon namaa gowwaa fi kan beekumsa hin qabnee dha;
tokkoon tokkoon tumtuu warqee waaqota tolfamoo isaatiin qaaneffama.
Fakkiiwwan inni tolchu kan sobaa ti;
isaan hafuura baafatan of keessaa hin qaban.
18Isaan faayidaa hin qaban; meeshaa qoosaa ti;
yeroo adabbiin isaanii gaʼutti ni badu.
19Inni qooda Yaaqoob taʼe sun garuu akka warra kanaa miti;
inni uumaa waan hundumaa ti;
Israaʼel immoo gosa dhaala isaa ti;
maqaan isaas Waaqayyoo Waan Hunda Dandaʼuu dha.
Copyright information for
GazHAHl