‏ Jeremiah 52:31-34

Yehooyaakiin Hiikamuu Isaa

52:31‑34 kwf – 2Mt 25:27‑30

31Yehooyaakiin mootiin Yihuudaa boojiʼamee waggaa soddomii torbaffaa isaatti, Eewiil Marodaak mootii Baabilon taʼe; innis wagguma sana keessa bultii digdamii shanaffaa jiʼa kudha lammaffaatti Yehooyaakiin mooticha Yihuudaa sana mana hidhaatii gad dhiisee bilisa isa baase. 32Afaan tolaadhaanis isatti dubbatee barcuma ulfinaa kan barcuma mootota isa wajjin Baabilon keessa turan kaanii caalu kenneef. 33Kanaafuu Yehooyaakiin uffata isaa kan mana hidhaatti uffachaa ture sana of irraa baasee bara jireenya isaa guutuu yeroo hunda maaddii mootichaa irraa nyaate. 34Mootiin Baabilonis hamma inni lubbuudhaan jiraatetti guyyuma guyyaadhaan waan isaaf barbaachisu Yehooyaakiiniif kennaa ture.
Copyright information for GazHAHl