Jeremiah 52:4-27
4Bara mootummaa Zedeqiyaa keessa waggaa saglaffaatti, bultii kurnaffaa jiʼa kurnaffaatti Nebukadnezar mootiin Baabilon guutummaa loltoota isaa wajjin Yerusaalemitti duule; isaanis magaalattiin ala qubatanii naannoo ishee hundatti tuullaa biyyoo marsan. 5Magaalaan sunis hamma waggaa kudha tokkoffaa bara Zedeqiyaa Mootichaatti akkuma marfamtetti turte. 6Bultii saglaffaa jiʼa afuraffaatti, magaalattii keessatti beelli akka malee hammaatee namni waan nyaatu tokko illee dhabe. 7Ergasii dallaan magaalattii cabsamee loltoonni hundinuus baʼanii baqatan. Isaanis utuma Baabilononni magaalaa sana marsanii jiranuu karaa karra dallaa iddoo biqiltuu mootichaa bira jiru lamaan gidduu baasu sanaatiin halkaniin baʼanii baqatan. Isaanis Arabbaatti baqatan; 8loltoonni Baabilon garuu Zedeqiyaa Mooticha ariʼanii dirree Yerikoo irratti isa qaqqaban; loltoonni isaa hundis isa irraa gargar baʼanii bibittinnaaʼanii turan; 9innis ni qabame. Gara mootii Baabilonitti Riiblaa biyya Hamaati keessaatti geeffame. Achittis itti murame. 10Mootiin Baabilonis Riiblaatti ijuma isaa duratti ilmaan Zedeqiyaa gorraʼe; qondaaltota Yihuudaa hundas fixe. 11Innis ergasii Zedeqiyaa keessaa ija isaa baasee foncaa naasiitiin hidhee Baabilonitti isa geesse; hamma gaafa inni duʼuuttis manuma hidhaa keessa isa tursiise. 12Bara mootummaa Nebukadnezar mooticha Baabilon keessa waggaa kudha saglaffaatti, bultii kurnaffaa jiʼa shanaffaatti Nebuzaradaan ajajaan eegumsa mootummaa inni mootii Baabilon tajaajilu sun gara Yerusaalem dhufe. 13Innis mana qulqullummaa Waaqayyootti, masaraa mootummaattii fi manneen Yerusaalem hundatti ibidda qabsiise; manneen gurguddaa hundas ni gube. 14Loltoonni Baabilon kanneen ajajaa eegumsa mootummaa jala turan hundi dallaawwan naannoo Yerusaalem turan hunda diigan. 15Nebuzaradaan ajajaan eegumsaa sun namoota hiyyeeyyii tokko tokkoo fi warra magaalaa keessatti hafan, warra ogummaa harkaa qabanii fi warra baqatanii mootii Baabilonitti kooluu galan boojiʼee fudhate. 16Nebuzaradaan garuu hiyyeeyyii biyyattii warra hafan akka wayinii kunuunsanii fi lafa qotaniif achitti dhiise. 17Baabilononni sun utubaawwan naasii, baattuuwwan iddoodhaa sochoʼanii fi Gaanii naasii irraa hojjetamee mana qulqullummaa Waaqayyoo keessa ture caccabsanii naasii sana hunda immoo Baabilonitti geessan. 18Akkasumas okkoteewwan, waan ittiin daaraa hammaaran, waan ittiin ibsaa irraa daaraa dhadhaʼan, waciitiiwwan ittiin dhiiga facaasan, caabiiwwanii fi miʼoota naasii irraa hojjetaman kanneen tajaajila mana qulqullummaatiif oolan hunda fudhatan. 19Ajajaan eegumsaa sunis miʼoota warqee qulqulluu fi meetii irraa hojjetaman hunda jechuunis caabii dhooqaa, girgiraawwan, waciitiiwwan ittiin dhiiga facaasan, okkoteewwan, baattuuwwan ibsaa, caabiiwwanii fi waciitiiwwan ittiin dhibaafatan fudhatee deeme. 20Ulfinni naasii kan Solomoon Mootichi ittiin utubaawwan lamaan, Gaanii fi jiboota kudha lamaan isa jala jiranii fi baattuuwwan iddoodhaa sochoʼaniin mana qulqullummaa Waaqayyootiif hojjetee ture waan madaalliin madaaluu dandaʼuu oli turan. 21Tokkoon tokkoon utubaa sanaa dhundhuma kudha saddeet ol dheeratee marsaan isaa immoo dhundhuma kudha lama ture; yabbinni isaa quba afur taʼee keessi isaas banaa ture. 22Guutuun naasii kan utubaa tokko irraas dhundhuma shan ol dheeratee naannoon isaa guutuun sibiila wal keessa loofamee tolfamee fi roomaanii naasiitiin miidhagfamee ture. Utubaan kaanis roomaanii naasii wajjin kanuma fakkaata ture. 23Roomaanoonni bitaa mirgaan turan sagaltamii sagal turan; walumatti faaya naannoo utubichaa gubbaan jiru wajjin roomanoota dhibba tokkootu ture. 24Ajajaan eegumsaa sun Seraayaa lubicha hangafa, Sefaaniyaa lubicha Sadarkaan isatti aanuu fi eegdota balbalaa sadan hidhee fuudhee deeme. 25Warra amma illee magaalaa keessatti hafan keessaa ajajaa loltootaatii fi gorsitoota mootii torba fudhate. Akkasumas barreessaa qondaala ol aanaa ture kan saba keessaa loltummaaf namoota filatu sanaa fi namoota magaalaa keessatti argaman jaatama fudhate. 26Nebuzaradaan ajajaan sun hunda isaanii guuree Riiblaatti gara mooticha Baabilonitti geesse. 27Mootichis achuma Riiblaat biyya Hamaati keessatti isaan ni fixe. Yihuudaanis akkasiin boojiʼamee biyya isheetii baate.
Copyright information for
GazHAHl