John 1:35-42
Barattoonni Yohannis Yesuus Duukaa Buʼuu Isaanii
1:40‑42 kwf – Mat 4:18‑22; Mar 1:16‑20; Luq 5:2‑11
35Guyyaa itti aanutti Yohannis ammas barattoota isaa keessaa lama wajjin achi ture. 36Innis utuu Yesuus achi irra darbuu argee, “Ilaa, Hoolaa Waaqaa!” jedhe. 37Barattoonni lamaanis waan kana dubbachuu isaa dhagaʼanii Yesuus duukaa buʼan. 38Yesuusis of irra garagalee isa duukaa buʼuu isaanii argee, “Isin maal barbaaddu?” jedheen. Isaanis, “Rabbii, ati eessa jiraatta?” jedhaniin. Rabbii jechuun Barsiisaa jechuu dha. 39Innis, “Kottaatii ilaalaa” jedheen. Isaanis dhaqanii akka inni eessa jiraatu argan; gaafa sana isa wajjin oolan. Yeroon sunis gara saʼaatii kurnaffaa ture. 40Warra waan Yohannis dubbate dhagaʼanii Yesuus duukaa buʼan lamaan keessaa inni tokko Indiriiyaas obboleessa Simoon Phexros ture. 41Innis duraan dursee obboleessa isaa Simoonin argatee, “Nu Masiihicha arganneerra” jedheen; Masiihii jechuun Kiristoos jechuu dha. 42Indiriiyaasis Simʼoonin gara Yesuusitti fide. Yesuusis isa ilaalee, “Ati Simoon ilma Yohannis, Keefaa jedhamtee ni waamamta” jedheen. Keefaa jechuun Phexros jechuu dha.
Copyright information for
GazHAHl