‏ John 12:12-15

Yesuus Akka Mootiitti Yerusaalem Seenuu Isaa

12:12‑15 kwf – Mat 21:4‑9; Mar 11:7‑10; Luq 19:35‑38

12Guyyaa itti aanutti namoonni Ayyaanichaaf dhufanii turan baayʼeen akka Yesuus gara Yerusaalem dhufaa jiru dhagaʼan. 13Isaanis damee meexxii harkatti qabatanii isa simachuu baʼan; iyyaniis akkana jedhan; “Hoosaaʼinaa!”
Hoosaaʼinaa jechuun afaan Ibraayisxiitiin “Amma fayyisi” jechuu dha; kunis jecha galataa ti.

“Inni maqaa Gooftaatiin dhufu eebbifamaa dha!”

“Mootiin Israaʼel eebbifamaa dha!”

14Yesuusis ilmoo harree tokko argatee yaabbate; kunis akkuma akkana jedhamee barreeffamee dha; 15“Yaa Intala Xiyoon, hin sodaatin;
kunoo, mootiin kee,
ilmoo harree yaabbatee dhufuutti jira.”
Copyright information for GazHAHl