‏ John 18:16-18

16Phexros garuu balbala dura ala dhaabachaa ture. Barataan luba ol aanaa biratti beekamaa ture kaan gad baʼee intala balbala eegdutti himee Phexrosin ol seensise.

17Intalli balbala eegdu sunis Phexrosiin, “Atis barattoota namicha kanaa keessaa tokko mitii?” jette.

Inni immoo deebisee, “Ana miti” jedhe.

18Yeroon isaa waan dhaamocha tureef garboonnii fi eegdonni ibidda qabsiifatanii dhadhaabatanii qaqqaammachaa turan. Phexrosis isaan wajjin dhaabatee qaqqaammachaa ture.
Copyright information for GazHAHl