John 18:19-24
Gaaffii Lubichi Ol aanaan Yesuusiif Dhiʼeesse
18:19‑24 kwf – Mat 26:59‑68; Mar 14:55‑65; Luq 22:63‑71
19Yommus lubni ol aanaan Yesuusin waaʼee barattoota isaatii fi waaʼee barsiisa isaa gaafate. 20Yesuusis akkana jedhee deebiseef; “Ani ifaan ifatti addunyaatti dubbadheera; iddoo Yihuudoonni hundi itti walitti qabamanitti, manneen sagadaattii fi mana qulqullummaa keessattis ani yeroo hunda barsiisaan ture. Ani waan tokko illee icciitiidhaan hin dubbanne. 21Ati maaliif na gaafatta? Warra waan ani isaaniin jedhe dhagaʼan gaafadhu. Kunoo isaan waan ani jedhe beeku.” 22Yommuu Yesuus wantoota kanneen jedhetti qondaaltota achi ijaajjaa turan keessaa tokko, “Luba ol aanaaf akkana deebiftaa?” jedhee isa kabale. 23Yesuusis deebisee, “Yoo ani waan hamaa dubbadhee jiraadhe, waan hamaa sana dhugaa baʼi. Yoo ani waan qajeelaa dubbadhee jiraadhe garuu ati maaliif na rukutta?” jedhe. 24Haannaasis Yesuusin akkuma inni hidhamee jirutti gara lubicha ol aanaa, gara Qayyaaffaatti erge.
Copyright information for
GazHAHl