John 18:29-40
29Kanaafuu Phiilaaxoos gara isaaniitti gad baʼee, “Himanni isin namicha kana irratti dhiʼeessitan maali?” jedhee gaafate. 30Isaanis, “Utuu namichi kun yakka hojjechuu baatee nu silaa isa dabarsinee sitti hin kenninu ture” jedhanii deebisaniif. 31Phiilaaxoosis, “Isin ofuma keessanii isa fuudhaatii akka seera keessaniitti itti muraa” jedheen. Yihuudoonnis, “Nu garuu nama tokko illee ajjeesuuf mirga hin qabnu” jedhaniin. 32Kunis wanni Yesuus akka duʼa akkamiitiin duʼuuf jiru argisiisuuf jedhee dubbate sun akka raawwatamuuf taʼe. 33Phiilaaxoos ammas masaraa mootummaa seene; Yesuusinis ofitti waamee, “Ati mootii Yihuudootaatii?” jedhee isa gaafate. 34Yesuusis, “Waan kana sumatu jedhe moo namoota biraatu waaʼee koo sitti hime?” jedhee gaafate. 35Phiilaaxoosis deebisee, “Anatu Yihuudiidhaa ree? Kan dabarsee natti si kenne sabuma keetii fi luboota hangafoota. Garuu ati maali gooteeti?” jedheen. 36Yesuusis, “Mootummaan koo kan addunyaa kanaati miti. Utuu kan addunyaa kanaa taʼee silaa akka ani dabarfamee Yihuudootatti hin kennamneef tajaajiltoonni koo naa lolu turan. Amma garuu mootummaan koo kan addunyaa kanaa miti” jedhe. 37Phiilaaxoosis, “Yoos ati mootii dha kaa!” jedheen. Yesuus immoo, “Akka ani mootii taʼe atuu jette. Dhugumaan wanni ani dhaladhee gara addunyaa dhufeefis dhugaadhaaf dhugaa baʼuuf. Namni dhugaaf dhaabatu hundinuu sagalee koo dhagaʼa” jedhee deebise. 38Phiilaaxoosis, “Dhugaan maal inni?” jedheen. Innis erga waan kana dubbatee booddee amma illee Yihuudootatti gad baʼee akkana jedheen; “Ani balleessaa tokko illee isa irratti hin arganne. 39Garuu isin akka ani yeroo Faasiikaatti nama tokko gad isinii dhiisu bartee godhattaniirtu. Kanaafuu akka ani, ‘Mootii Yihuudootaa’ gad isiniif dhiisu barbaadduu?” 40Isaan amma illee iyyanii, “Lakki, Barabbaas malee isa miti!” jedhan. Barbaas kun saamtuu ture.
Copyright information for
GazHAHl