‏ John 18:29-40

29Kanaafuu Phiilaaxoos gara isaaniitti gad baʼee, “Himanni isin namicha kana irratti dhiʼeessitan maali?” jedhee gaafate.

30Isaanis, “Utuu namichi kun yakka hojjechuu baatee nu silaa isa dabarsinee sitti hin kenninu ture” jedhanii deebisaniif.

31Phiilaaxoosis, “Isin ofuma keessanii isa fuudhaatii akka seera keessaniitti itti muraa” jedheen.

Yihuudoonnis, “Nu garuu nama tokko illee ajjeesuuf mirga hin qabnu” jedhaniin.
32Kunis wanni Yesuus akka duʼa akkamiitiin duʼuuf jiru argisiisuuf jedhee dubbate sun akka raawwatamuuf taʼe.

33Phiilaaxoos ammas masaraa mootummaa seene; Yesuusinis ofitti waamee, “Ati mootii Yihuudootaatii?” jedhee isa gaafate.

34Yesuusis, “Waan kana sumatu jedhe moo namoota biraatu waaʼee koo sitti hime?” jedhee gaafate.

35Phiilaaxoosis deebisee, “Anatu Yihuudiidhaa ree? Kan dabarsee natti si kenne sabuma keetii fi luboota hangafoota. Garuu ati maali gooteeti?” jedheen.

36Yesuusis, “Mootummaan koo kan addunyaa kanaati miti. Utuu kan addunyaa kanaa taʼee silaa akka ani dabarfamee Yihuudootatti hin kennamneef tajaajiltoonni koo naa lolu turan. Amma garuu mootummaan koo kan addunyaa kanaa miti” jedhe.

37Phiilaaxoosis, “Yoos ati mootii dha kaa!” jedheen.

Yesuus immoo, “Akka ani mootii taʼe atuu jette. Dhugumaan wanni ani dhaladhee gara addunyaa dhufeefis dhugaadhaaf dhugaa baʼuuf. Namni dhugaaf dhaabatu hundinuu sagalee koo dhagaʼa” jedhee deebise.

38Phiilaaxoosis, “Dhugaan maal inni?” jedheen. Innis erga waan kana dubbatee booddee amma illee Yihuudootatti gad baʼee akkana jedheen; “Ani balleessaa tokko illee isa irratti hin arganne. 39Garuu isin akka ani yeroo Faasiikaatti nama tokko gad isinii dhiisu bartee godhattaniirtu. Kanaafuu akka ani, ‘Mootii Yihuudootaa’ gad isiniif dhiisu barbaadduu?”

40Isaan amma illee iyyanii, “Lakki, Barabbaas malee isa miti!” jedhan. Barbaas kun saamtuu ture.

‏ John 19:1-16

Fannifamuun Yesuusitti Murame

19:1‑16 kwf – Mat 27:27‑31; Mar 15:16‑20

1Phiilaaxoosis Yesuusin fuudhee garafsiise. 2Loltoonnis gonfoo qoraattii micciiranii dhaʼanii mataa isaa irra kaaʼan. Isaanis uffata dhiilgee isatti uffisanii, 3“Akkam ree, yaa Mootii Yihuudootaa!” jechaa gara isaatti deddeebiʼaa turan. Isas ni kabalan.

4Phiilaaxoos amma illee gad baʼee Yihuudootaan, “Akka ani balleessaa tokko illee isa irratti hin argatin akka beektaniif kunoo ani isa gad isiniifin baasa” jedhe. 5Yesuusis gonfoo qoraattii kaaʼatee, wayyaa dhiilgees uffatee gad baʼe; Phiilaaxoosis, “Namichi kunoo ti!” isaaniin jedhe.

6Luboonni hangafoonnii fi qondaaltonni isaanii yommuu isa arganitti, “Fannisi! Fannisi!” jedhanii iyyan.

Phiilaaxoos immoo deebisee, “Isin ofuma keessanii fuudhaatii isa fannisaa malee ani balleessaa tokko iyyuu isa irratti hin arganne” jedheen.

7Yihuudoonnis deebisanii, “Nu seera qabna; namichi kun waan Ilma Waaqaa of godheef akka seera keenyaatti duʼuu qaba” jedhan.

8Phiilaaxoosis yommuu dubbii kana dhagaʼetti ittuma caalchisee sodaate. 9Innis masaraatti ol deebiʼee, “Ati nama eessaati?” jedhee Yesuusin gaafate. Yesuus garuu deebii tokko iyyuu hin kennineef. 10Phiilaaxoosis, “Ati na jalaa dubbachuu diddaa? Akka ani gad si dhiisuuf taayitaa qabuu fi akka ani si fannisuuf taayitaa qabu ati hin beektuu?” jedheen.

11Yesuus immoo, “Ati utuu olii siif kennamuu baatee silaa taayitaa tokko illee narratti hin qabdu ture. Kanaaf inni dabarsee sitti na kenne sun cubbuu cubbuu caalu qaba” jedhee deebiseef.

12Phiilaaxoosis yeroo sanaa jalqabee Yesuusin gad dhiisuu barbaada ture; Yihuudoonni garuu, “Ati yoo namicha kana gad dhiifte michuu Qeesaar miti. Namni mootii of godhu kam iyyuu Qeesaariin morma” jedhanii iyyan.

13Phiilaaxoosis yommuu dubbii kana dhagaʼetti Yesuusin gad baasee, iddoo “Dhagaa Afamaa” kan afaan Ibraayisxiitiin “Gabataa” jedhamutti barcuma murtii irra taaʼe. 14Guyyaan sunis guyyaa Qophii Faasiikaa ture; yeroon isaas gara saʼaatii jaʼaa ture.

Phiilaaxoosis Yihuudootaan, “Mootiin keessan kunoo ti!” jedhe.

15Isaan garuu, “Isa balleessi! Isa balleessi! Isa fannisi!” jedhanii iyyan.

Phiilaaxoos immoo, “Mootii keessan fannisu moo?” jedhee gaafate.

Luboonni hangafoonnis, “Nu Qeesaar malee mootii biraa hin qabnu” jedhanii deebisaniif.

16Kanaaf Phiilaaxoos akka inni fannifamuuf dabarsee isaanitti kenne.

Yesuus Fannifame

19:17‑24 kwf – Mat 27:33‑44; Mar 15:22‑32; Luq 23:33‑43

Isaanis Yesuusin fuudhanii deeman.
Copyright information for GazHAHl