‏ John 19:17-24

17Innis fannoo ofii isaa baadhatee iddoo Buqqee Mataa kan afaan Ibraayisxiitiin Golgootaa jedhamutti ol baʼe. 18Isaanis achitti isa fannisan; isa wajjinis namoota biraa lama, isa tokko garanaan, kaan immoo garasiin, Yesuusin immoo gidduu isaaniitti fannisan.

19Phiilaaxoosis Katabbii, Yesuus Isa Naazreeti, Mooticha Yihuudootaa,

jedhu tokko barreessee fannoo sanatti maxxanse.
20Iddoon Yesuus itti fannifame waan magaalaatti dhiʼoo tureef Yihuudoonni hedduun katabbii sana dubbisaniiru; katabbiin sunis afaan Ibraayisxiitiin, Laatiinii fi Giriikiin barreeffame. 21Luboonni Yihuudootaa hangafoonni Phiilaaxoosiin, “Namichi kun, ‘ “Ani mootii Yihuudootaa ti” jedheera’ jedhii barreessi malee, ‘Inni Mootii Yihuudootaa ti’ jettee hin barreessin” jedhan.

22Phiilaaxoosis, “Ani waanan barreesse, barreesseera” jedhee deebise.

23Loltoonni sunis erga Yesuusin fannisanii booddee kittaa isaa hambisanii wayyaa isaa fuudhanii akka tokko tokko isaan gaʼuuf iddoo afuritti hiratan. Kittaan sun hin hodhamne; olii hamma gadiittis dhaʼaa tokko ture.

24Kanaafuu isaan, “Kottaa hin tarsaasnuu; garuu ixaa buufannee akka inni kan eenyuu taʼu ilaallaa” waliin jedhan.

Kunis akka Katabbiin Qulqulluun, “Isaan wayyaa koo hiratan;
uffata koottis ixaa buufatan”

jedhu sun raawwatamuuf taʼe. Wanni loltoonni godhanis kanuma.
Copyright information for GazHAHl