‏ John 2:13-16

13Yesuusis waan Faasiikaan Yihuudootaa dhiʼaateef Yerusaalemitti ol baʼe. 14Mana qulqullummaa keessattis warra loon, hoolotaa fi gugee gurguratanii fi warra taaʼanii maallaqa geeddaran arge. 15Innis quncee irraa qaccee dhaʼatee nama hundumaa hoolotaa fi loon wajjin mana qulqullummaa keessaa ariʼe; saantima warra maallaqa geeddaraniis bittinneesse; minjaala isaaniis garagalche. 16Warra gugee gurguraniinis, “Kana hunda asii baasaa! Mana Abbaa koo mana daldalaa hin godhinaa!” jedhe.
Copyright information for GazHAHl