Joshua 19:2-10
2Kunis: Bersheebaa yookaan Shebaa, Molaadaa, 3Hazar Shuuʼaal, Baalaa, Ezem, 4Eltolaad, Betuul, Hormaa, 5Siiqlaag, Beet Markaabot, Hazar Suusaa, 6Beet Lebaaʼotii fi Shaaruheen; magaalaawwanii fi gandoonni isaanii kudha sadii turan;7Ayin, Rimoon, Eteerii fi Ashaan, magaalaawwanii fi gandoota isaanii afran, 8akkasumas gandoota naannoo magaalaawwan kanneenii jiran kanneen hamma
Baaʼilaat Biʼeeritti jechuunis hamma Raamaat ishee Negeeb keessaa sanaatti balʼata. Dhaalli gosti Simiʼoon balbala balbalaan argate kanaa dha. 9Sababii qoodni gosa Yihuudaa hamma isaan barbaadanii ol taʼeef dhaalli gosa Simiʼoon kun qooda gosa Yihuudaa irraa fudhatame. Kanaafuu gosti Simiʼoon Yihuudaa keessatti dhaala argate.
Qooda Gosa Zebuuloon
10Ixaan sadaffaan gosa Zebuulooniif balbala balbalaan baʼe; kunis: Daariin dhaala isaanii hamma Saariiditti deema.
Copyright information for
GazHAHl