‏ Joshua 21:4-39

4Ixaan jalqabaa gosa Qohaatiif balbala balbalaan baʼe. Lewwota sanyii Aroon lubichaatiifis gosa Yihuudaa, gosa Simiʼoonii fi gosa Beniyaam keessaa magaalaawwan kudha sadii ixaadhaan argatan.
5Sanyii Qohaati warra hafaniif immoo balbala gosa Efreem, gosa Daanii fi walakkaa gosa Minaasee keessaa magaalaawwan kudhan ixaadhaan argatan.
6Sanyiiwwan Geershooniif balbala gosa Yisaakor, gosa Aasheer, gosa Niftaalemii fi walakkaa gosa Minaasee kan Baashaan keessaa sana irraa magaalaawwan kudha sadii ixaadhaan argatan.
7Sanyiiwwan Meraariis balbala balbalaan gosa Ruubeen, gosa Gaadii fi gosa Zebuuloon keessaa magaalaawwan kudha lama ixaadhaan argatan.

8Kanaafuu Israaʼeloonni akkuma Waaqayyo karaa Museetiin ajaje sanatti magaalaawwan kanneenii fi lafa tikaa ixaadhaan Lewwotaaf kennan.

9Gosa Yihuudaa fi gosa Simiʼoon irraa magaalaawwan kanneen maqaa maqaadhaan qoodan; 10sababii ixaan jalqabaa isaaniif baʼeef magaalaawwan kunneen sanyiiwwan Aroon warra Lewwotaa keessaa balbala Qohaati taʼaniif kennaman:
11Isaanis Kiriyaati Arbaaq jechuunis Kebroon ishee biyya gaaraa Yihuudaa keessaa sana lafa tikaa naannoo ishee wajjin kennaniif. Arbaaq abbaa Anaaq ture. 12Lafa qotiisaa fi gandoota naannoo magaalattii jiran garuu Kaaleb ilma Yefuneetiif handhuuraa godhanii kennan. 13Kanaafuu sanyiiwwan Aroon lubichaatiif Kebroon jechuunis magaalaa namni nama ajjeesee himatamu tokko itti baqatuu fi Libnaa, 14Yatiir, Eshtimoʼaa, 15Hooloon, Debiir, 16Aayin, Yutaanii fi Beet Shemeshi lafa tikaa wajjin kennameef; isaan kunneen magaalaawwan sagallan gosoota lamaan irraa qoodamaniifii dha.
17Gosa Beniyaam irraas
Gibeʼoon, Gebaaʼi,
18Anaatootii fi Almoon lafa tikaa wajjin kennaniif; isaanis magaalaawwan afurii dha.
19Magaalaawwan lafa tikaa wajjin sanyiiwwan Aroon kanneen luboota taʼaniif kennaman hundi kudha sadii turan.

20Qohaatota balbala Lewwii warra hafaniif gosa Efreem irraa magaalaawwan kanneentu ixaadhaan argatan: 21Isaanis biyya gaaraa Efreem keessaa Sheekem jechuunis
magaalaa namni nama ajjeesee himatamu itti baqatu sanaa fi Geezir,
22Qibxaayimii fi Beet Horoon, walumatti magaalaawwan afur lafa tikaa wajjin fudhatan.
23Akkasumas gosa Daan keessaa
Elteqee, Gibetoon,
24Ayaaloonii fi Gat Rimoon, walumaa galatti magaalaawwan afur lafa tikaa wajjin fudhatan.
25Walakkaa gosa Minaasee keessaa immoo
Taʼanaakii fi Gat Rimoon, magaalaawwan lama lafa tikaa wajjin fudhatan.
26Magaalaawwan kurnan kunneen hundii fi lafti tikaa isaanii balbala gosa Qohaati warra hafaniif kennaman.

27Geershoonota balbala Lewwiitiif immoo: Walakkaa gosa Minaasee keessaa,
Goolaan ishee Baashaan keessaa jechuunis magaalaa namni nama ajjeesee himatamu tokko itti baqatu sanaa fi Beʼeshitiraa, magaalaawwan lamaa fi lafa tikaa isaaniitu kennameef;
28gosa Yisaakor keessaa
Kishoon, Daaberaati,
29Yarmuutii fi Een Ganiim, magaalaawwan afurii fi lafa tikaa isaaniitu kennameef;
30gosa Aasheer keessaa
Mishiʼaal, Abdoon,
31Helqaatii fi Rehoob, magaalaawwan afurii fi lafa tikaa isaaniitu kennameef;
32gosa Niftaalem keessaa
Qaadesh ishee Galiilaa keessaa, magaalaan namni nama ajjeesee himatamu tokko itti kooluu galuu akkasumas Hamoot Doorii fi Qartaan, magaalaawwan sadii lafa tikaa isaanii wajjin kennameef.
33Gosoota Geershoonotaatiif immoo magaalaawwan kudha sadiitu lafa tikaa wajjin kenname.

34Lewwota hafan warra balbala Meraarii taʼaniif: gosa Zebuuloon keessaa,
Yoqeniʼaam, Qartaa,
35Dimnaa fi Naahaalal, magaalaawwan afurtu lafa tikaa wajjin kenname;
36gosa Ruubeen keessaa
Bezer, Yaahizaa,
37Qidemootii fi Meefiʼaat, magaalaawwan afur lafa tikaa wajjin kennameef;
38gosa Gaad keessaa immoo,
Raamooti ishee Giliʼaad keessaa jechuunis magaalaa namni nama ajjeesee himatamu tokko itti kooluu galu, Mahanayiim,
39Heshboonii fi Yaʼizeer, walumaa galatti magaalaawwan afurtu lafa tikaa wajjin kennameef.
Copyright information for GazHAHl