Leviticus 11:1-23
Nyaata Qulqulluu fi Nyaata Qulqulluu Hin Taʼin
11:1‑23 kwf – KeD 14:3‑20
1 Waaqayyos Musee fi Arooniin akkana jedhe; 2“Israaʼelootaan akkana jedhaa: ‘Bineensota lafa irra jiraatan hunda keessaa kanneen isin nyaachuu dandeessan isaan kanaa dha: 3Bineensa kotteen isaa guutumaan guutuutti baqaqaa taʼe kan alala guuru kam iyyuu nyaachuu dandeessu. 4“ ‘Kanneen alala qofa guuran yookaan kotteen isaanii qofti baqaqaa taʼe garuu nyaachuu hin qabdan. Gaalli yoo alala guure iyyuu kottee baqaqaa hin qabu; inni isiniif qulqulluu miti. 5Osoleen yoo alala guurte iyyuu kottee baqaqaa hin qabdu; isheen isiniif qulqulluu miti. 6Illeettiin yoo alala guurte iyyuu kottee baqaqaa hin qabdu; isheen isiniif qulqulluu miti. 7Booyyeen yoo kottee baqaqaa qabaate iyyuu alala hin guuru; inni isiniif qulqulluu miti. 8Isin foon isaanii nyaachuu yookaan raqa isaanii tuquu hin qabdan; isaan isiniif qulqulluu miti. 9“ ‘Uumamawwan bishaan galaanotaa fi bishaan lageenii keessa jiraatan hunda keessaa kanneen qoochoo fi qola qaban kam iyyuu nyaachuu dandeessu. 10Garuu uumamawwan galaanotaa fi lageen keessa jiraatan kanneen qoochoo fi qola hin qabne hundi, uumamawwan bishaan keessa munyuuqan hundi yookaan kanneen bishaan keessa jiraatan hundi isiniif xuraaʼoo haa taʼan. 11Isaan isin duratti xuraaʼoo waan taʼaniif foon isaanii hin nyaatinaa; raqni isaaniis xuraaʼaa haa taʼu. 12Wanni bishaan keessa jiraatu kan qoochoo fi qola hin qabne kam iyyuu isiniif xuraaʼaa haa taʼu. 13“ ‘Isaan kunneen simbirroota isin jibbuu qabdanii dha; hin nyaataman; isaan xuraaʼoo dha: risaa, rumicha, rumicha gurraacha, 14culullee, culullee gurraacha gosa garaa garaa, 15arraagessa gosa garaa garaa, 16guchii, urunguu, allaattii bishaanii, coroffee gosa garaa garaa, 17urunguu xinnaa, daakiyyee, urunguu guddaa, 18urunguu adii, urunguu gammoojjii, allaattii raqaa, 19huummoo, huummoo gosa kamii iyyuu, haadha gaayyee, simbira halkanii. 20“ ‘Ilbiisonni barrisan kanneen miilla afraniinuu deeman hundi isiniif xuraaʼoo haa taʼani. 21Taʼus ilbiisonni barrisan kanneen miilla afraniinuu deeman keessaa tokko tokko nyaachuu ni dandeessu; isaanis warra ittiin lafa irra utaaluuf miilla dadachaʼu qabanii dha. 22Isaan keessaas hawwaannisa gosa garaa garaa, hawwaannisa magariisa garaa garaa, farda waaqaa garaa garaa fi korophisa garaa garaa nyaachuu dandeessu. 23Garuu ilbiisota barrisan kanneen miilla afur qaban biraa hundi isiniif xuraaʼoo haa taʼan.
Copyright information for
GazHAHl