‏ Leviticus 23:23-25

Ayyaana Malakataa

23:23‑25 kwf – Lak 29:1‑6

23 Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe; 24“Israaʼelootaan akkana jedhi; ‘Isin guyyaa jalqaba jiʼa torbaffaatti sanbata boqonnaa qabaadhaa; yaaʼii qulqulluu sagalee malakataatiin ayyaaneffamus qabaadhaa. 25Aarsaa ibiddaan Waaqayyoof dhiʼeeffamu dhiʼeessaa malee hojii idilee hin hojjetinaa.’ ”
Copyright information for GazHAHl